by Oromo graphiya
Oromootafi masaraa kiiloo Afurii.


Kuta 1ffaa.
Dhugaadha oromoof masaraan finfinnee dhihoo taatus bara 130mii oliif dhalli oromo akka hin seene heeraan daangeefame ture. Ossoo minilik gama shawaa hin dhufiin dura mootootiin oromoota yejju warri akka Abbaa seru Gwangul,Ras Ali,Ras Aligaaz,Ras gugusa marsaa, Ras doorii, Ras yimam, faan Abissinya bara dhibbaaf akka bulchan seenaatu dubbata. Ega minilik dhufe akkaafi bakka silaa isiin maluu oromoon dhabdus biyyii tun dhiiga ilmaan oromotiin jaaramte.bara 1870 ossoo silaa gobana daacee minilik gargaaru baate minilik negus tekle haymanot gojjam hin injifatu ture.bara 1870 irraa hamma 1880ti namni miniliktti aanee angoo guddaa qabu Ras gobana daacee ture.angoon ol-aanaan ‘Ras’ jenuun tana warri yeroo san qabu nama sadan keessaa lama Ras gobana daacee fi Ras mokkonnin woldmikael gudisaa oromoodha.
Namni yeroo sanitti waraana guddaa qabu gobana daacee ture.haa tahu garuu hamma fadhe sadarkaa guddaa qabaatus isaa mitti wal dhalli isaa akka masaraa mootichaa hin seene ni beeka ture.maaliif yoo jattan namni mootii tahe masraa kiiloo afurii seenu warra dhalootaan hidaa “solomonic dynasty”qabu qofa jachuun heerri Dhalli oromo akka mootii hin taane daangeesuu waan tureefi.wanni nama ajaa’ibuu yeroo san waraanni masraa San eeguu waraana gobana daacee kan afaan Oromo dubbatu waraana foollee jedhamu ture.garuu gobana daacee heera ‘solomonic dynasty ‘ ja’amu kana guutachuuf jacha mala tokko baafate.ilmi isaa wadaajoo gobanaa akka intala minilik shoarega fuudhu godhe.wal fuudhanni bara tokko booda wasan seged wadaajoo gobanaa dhalate.garuu isaa Amata kudha lamaa haala ifa hin tahiniin du’ee argame.
…..habte giorgis dingadee……itti fufa.
“Suuraa wasan seged wadaajoo gobanaa

Seera Yakkaa bara 2016.pptx seera itoophiyaa

Https://gadaa

https://gadaamarket.com/ripple-xrp-review/

Scroll to Top