orobest market lammii hundaaf miira tokkoon tajaajila kennuuf yeroo garaagaraatti fedhii hawaasa isaa milkeessuuf kan tattafatuudha
Gama biraa jijjiirama biyyaa mirkaneessuuf onnatee kan hojjetu ta’uu isaa isiniif ibsuun barbaadda

MAALIIF HIN JEDHIIN
Kutaa 2ffaa
Kutaa kana dubbisuu keen dura kutaa darban dubbisuu kee mirkaneeffachuu hin dagatin!! Kutaa darbe page website kiyya jalaa ni argatta. Barreeffoota kana fakkaatan argachuuf page Website kana daawwachuu hin dagatin!
Daldaltichis gaafa darbatamu kallattiidhan jirma(gudeelcha) guddaa galaanichi baatee deema jiru tokko irratti kufuun of walallee( gaggabee) guyyaa tokkof irraatti of gatee ciise. Gaalanichis guyyaa tokkoo keessatti jirmicha dhiibuun qarqaratti baasee gate.
Wanti hedduu nama ajaa’insisuu garuu, daldaltoonni daldalticha meeshalee isaa wajjin galaanichattti darbatan ooluu hin dandeenye. Akkuma isaan namicha galaanatti doonicha keessa gad darbataniin, dha’aan galaanicha jabaachuun doonittin galaanichan liqimfamtee namoota baatte turte hundumaaf garaa galaana keessatti iddoo awwaala tolchiteef. Oro ko
Daldaltichi garuu yeroo of baru qarqara gaalana jirma guddaa irratti of arge. Ol jedhee yeroo ilaaluu odola namni keessa hin jiraanne bosona Wal xaxaa ta’u isaa hubate. Iyyee nama dhageessifatu tokko illee Akka hin qabne hubachuun bosonicha keessaa waan argate ija mukaan nyaachaa, adamsee lubbu qabeeyyi xixxiqqoo qabatee nyaachaa Fi qurxummilee qarqara galaanichati kiyyessaa mana tokko ijaarratee jiraachu itti fufa. Bifa kanan ji’oota muraasa jireenya Wal fakkaata jiraacha ture.
Guyyaa tokko adamoodhaf manaa bahee bosonicha keessa akkuma isaa kanan duraa gochaa akkuma ture qurxummii kiyyeessuf qarqara galaana oole gara mana isaatti yeroo deebi’u manni isaa gubatee isaa eega. Yeroo Kana aaree gubatee, keessoon isaa abdi kutattee du’a awwite. Fanxoo irratti cophxoo Isa jedhan itti ta’uun jireenyi mudaa mudammuddi itti taate.
Aariidhan boba’ee imimmaan lolaasaa, gadduu guddaadhan machaa’ee wanta qabu gaafa dhabu abdii kutachuudhan, gungumaa of nyaachaa, jiraachuu hin qabu jedhee galanaatti of darbachuuf… Itti fufa
Orobest market
Yada gaarii yaaduun jireenya keenyaaf furmaata gaariidha jedheen
ogommaan beekumsa barbaada beekumsa argachuuf barachuun gaariidha
JABAADHAA
