Sochii dargaggootni qabsaa’otni kunneen taasisaniin bara 1997 kana filannoo tureen KFO n godina Shawaa Lixaa aanaalee hedduurratti moo’achuudhaan namootni baay’eenis paarlaamaa galuu danda’aniiru. Jaagamaan bara 1997 barnoota malee ba’e kana sochiilee hangana hin jedhamne taasisaa ture. Dadammaqinaa fi kallattii qabsoo Oromoota Shawaa Lixaa keessatti hojiilee gurguddaa hojjateera. Wayyaanee fi OPDO magaalaattii gochi isaa kun, baay’ee aarse. Sababa kanaaf jecha “Jaagamaan bara 1998 tis yoo lafa ba’e sochii cimaa taasisa. Nuuf hin tolu” jechuun mari’atanii barumsasaa waggaa 2 adaban dhiisanii 1998 akka M/B tti deebi’u taasisan. Kun garuu isaaf yaadanii hin turre. Mana baruumsaa fi iddoo deemu hundattis akka hordofamuuf xiyyeeffannoo guddaa itti kennanii hordofaa turan. Ooltee fi bulteesaa , jechaa fi gochasaa dhiyeenyaan jala bu’anii hordoffii cimsan. Bara 1998 kana duula fincila diddaa gabrummaa Oromoo jedhuun qabsoo cimaan finiinamee ture. Duula kana Oromiyaa guutuutti . taasisuuf qindeessaan isaa leencicha barataa Amboo Jaagamaa ture. Biyyoota alaa fi keessaa Oromoota dariuun qindeessanii Jaagamaa fi Shuumiin abbaltii fudhachuun M/B keessatti qooda gudclaa taphatanii jiru. Waldaa Warraaqsa Bilisummaa Dargaggoo Oromoo (WBDO) ijaaruunis achi keessatti iccitii isaanii danuu ittiin kuulanii jiru. Shuumii Oandanaa aanaa Liiban Jaawwii ganda Tokkee · Kombokhaattl dhalate. Hiriyaa Jaagamaa sadarkaa duraati. Qabsoo . ·} i ‘ .. ,,.; .· ··t •·1· ! · ‘[. f ,, ·, I ,J amansiisaa jedhanii Kaampii waraanaa iddoo Ajoo jedhamutti dabarsan. Kaampii kanattis warroota ergama ABO adda dureen bahan jedhanii shakkan sadii “Sin awwaallaa boolla qotadhaa” jedhanii dirqisiisan. Namoota sadan isaanii ciibsanii boolla isaan gahu dalga M 4, asii gadee M 7 safaranii qotaa jedhaniin. Isaanis osuma ijaan argan reebichi waan itti hammaateef guyyaa 3 tti qotanii fixan. Yericha boolla kana qotan Shuumiin fa’i nu sobu namni itti hin awwaallamu abdiin jedhu keessa Isaanii jira ture. Jarris kan jedhan dhiisanii boollicha hojii biroof oolchan. Boodarra garuu maatii jalaa dhoksanii fuudhan waan ta’eef, barbaachi maatii isaanii hammaachaa dhufe’. Olbaanaa Leellisaa qabsaa’ichi Oromoo barbaacha isaaniif kaampii kana taa’ii fi ka’ii dhoorke. Olbaanaas carraansaa boodarra gahamee achuma mana hidhaa galuu ture. Ofii hidhamus qabsaa’ota Oromoo sadan boolla ofii qotatanitti akka hin awwaallamne oolcheera. Shuumiin dararaa adda addaa fi reebicha guddaa argeera. Reebicha lakkoofsa 8 jedhamus reebamee jira. Fannifamees fannoo irratti qaama saalaa fi afaan isaa wadaroo (funyoon) hidhuun qeensa irraa buqqisaa turaniiru. Jaagamaa waliin ammoo iccitii qabsoo daakanii turan. Oromoo keessatti mana hidhaa mana jireenya isaa godhate. Yeroo 21 mana hidhaatii bahee yeroo 21 mana hidhaatti deebi’e. Bara 1996 osoo Jaagarnaa fa’i waliin gara karchallee Ambootti hin dhufin dura waajjira poolisii magaalaa Gudaritti hidhamee ture. Poolisootni achi jiranis, iccitii ABO waliin qaba. Nuti amansiisuu hin dandeenye. Isin Bara 1997 bara filannoo sobaa, bara qanqalloo wayyaaneen hatte Jaagamaan haqaaf falminaan baay’ees dararaa turan. Filachuuf osoo hin taane jeequuf dhufe jedhanii akka hin filanne mirga filannoos irraa mulqan. Dhiibbaa hedduus irraan gahaa turan. Hiriyootni isaa yoo himan jechi Jaagamaan yeroo · san dubbatu, “Oromoon abbaa biyyaa ta’uu qaba. Oromoon bobaa ormaa jala galuu -·

bara 1997 kana filannoo

https://orobh.com/licensing-and-supervision-of-banking-business-asset-classification-and-provision-directive-no-sbb-90-2024/

Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan beekamuu erga jalqabee oolee buleera.

Scroll to Top