Yaa’iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Shawaa Kaabaa ‌ ‌7𝐟‌𝐟‌𝐚‌𝐚‌ ‌Gaggeeffame.

(Adoolessa 14,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Yaa’iin Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Shawaa Kaabaa ‌ ‌7𝐟‌𝐟‌𝐚‌𝐚‌ ‌Gaggeeffameera.
Yaa’icha irratti barreeffamni mata dureen isaa “Tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuudhaan baasii fi dhamaatii abbootii dhimmaa ni xiqqeessina” jedhu dhiyaatee mariin irratti gaggeeffameera.
Dhaqqabamummaa fi si’oomina tajaajila abbaa seerummaan mirkaneessuuf teekinooloojiiwwan quunnamtii odeeffannoo cimsuu fi babal’isuun baasii fi dhamaatii abbootii dhimmaa xiqqeessuun amantaa ummataa horarachuuf hojjatamaa kan jiru ta’uu barreffamichi akeekeera.
Xumura waltajjichaa irratti Mannee Murtii fi Abbootii Seeraa raawwii ol’aanaa galmeessisaniif beekkamtii fi badhaasni kan kenname yammuu ta’u, qaamolee mootummaa milkaayina manneen murtiif gumaacha taasisaniif beekkamtiin kennamee booda ibsa ejjannoo abbaa qabxii torbaa baafachuun xumurameera.

Qajeelfama Murteessa Sirna Adabbii Duraanii Lakk.02/2006 Vs Qajeelfama Murteessa Sirna Adabbii Haarawa Lakk.3/2017:

Jijjiiramoonni Qajeelfama Murteessa Sirna Adabbii Haarawa Lakk.3/2017 keessatti taasifaman hedduudha.Sababni jijjiiramoonni Qajeelfama haarawa keessatti taasifamaniifis hanqinaalee Qajeelfama Murteessa Sirna Adabbii Duraanii Lakk.02/2006 keessa turan maqsuufidha.Akkasumas yakkoota Qajeelfama lakk.02/2006 keessatti sadarkaa fi gulantaan baheef akkuma jirutti ta’ee,seera yakkaa fi yakkoota Labsiilee keessatti tumaman Qajeelfama Murteessa Sirna Adabbii Haarawa Lakk.3/2017 keessatti sadarkaa fi gulantaan baheera.Isaanis:

1》Qorichoota summaa’oo ykn naarkootiik fi saayikootirooppiikii ta’an oomishuu,hojjachuu,naanneessuu,ykn fayyadamuu waliin wal qabatanii yakka raawwatamu;

2》Yakkoota loltummaa(military);

3》Yakkoota Labsii Telekominikeeshinii fi Humna Ibsaa Lakk.464/1997 keessatti tumaman;

4》Yakka Telekoom Gowwoomsuu Labsii Lakk.761/2004;

5》Qabeenya ykn qarshii yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuu Labsii Lakk.780/2005 Labsii Lakk.1387/2017 fooyya’e;

6》Yakkoota Labsii Farra Malaammaltummaa Lakk.881/2007 keessatti tumaman;

7》Yakkoota Kontiroobaandii Labsii Lakk.859/2006 fi 1160/2011 kan fooyya’e keessatti tumaman;

8》Yakkoota Labsii Bulchiinsa Meeshaa Waraanaa Lakk.1177/2012 keessatti tumaman;fi

9》Yakkoota nama seeraan ala daangaa ceesisuu Labsii keessatti tumaman Qajeelfama Murteessa Sirna Adabbii Haarawa Lakk.3/2017 keessatti bifa haarawaan sadarkaa fi gulantaan baheera.

Guutuu Qajeelfamichaa dubbisuun hubannoo gahaa qabaachuun dansaadha.dhimmoota seeraatiif miidiyaa keenya hordofaa lammiilee keenya kabajamoo fii jaallatamoo

Qajeelfamni adabbii haaraan lak.3/2017 har’a irraa eegalee hojiirra oola. Qajeelfamni adabbii lak.2/2017 guyyaa qajeelfamni haaraan ragga’e guyyaa 15 booda akka haqamu qajeelfamni lak 3/2017 kwt 124 fi 125 irraa ni hubatama.

   Credit to Milkii Makuriyaa

Yaa'iin Abbootii Seeraa

https://odaamarket.com/indigenous-peoples-rights-international/

kitaaba seeraa bifa pdf qophaahe

Scroll to Top