Xiinxaluun gamnummaadha jedhii yaadi
Nama xiinxalaan nama dursu ta’uu ni feetaa? Nama akkanaa ta’uun adeemsa itti fufiinsa qabuudha. Akkasumas shaakala, of-madaaluu fi yaada fi ilaalcha mataa keetii mormuuf fedhii qabaachuu fa’a sigaafata. Tooftaalee dandeettii yaaduu kee guddisuuf si gargaaran keessaa muraasni akka armaan gadiitti ibsamanii jiru:
1) Fedhii beekuu horachuu: Waaʼee addunyaa naannoo kee jiru beekuuf fedhii dhugaa horadhu. Gaaffii gaafachuu, odeeffannoo haaraa barbaaduu fi ilaalcha adda addaa qoradhu. Fedhii waa beekuu qabaachuun guddina sammuuf annisaa isa jalqabaati. Annisaan fedhii kanaan waa baruuf nukeessatti uumamu yaada qeeqaas kan jajjabeessudha.Xiinxaluun gamnummaadha jedhii yaadi
2) Dandeettii yaada qeeqaa jajjabeessu horachuu: Yaadni qeeqaa odeeffannoo xiinxaluu, falmii madaaluu fi murtii sababa qabeessa ta’e kennuu of keessatti qabata. Dabalataanis tilmaama adda baasuu, loogii beekuu fi amanamummaa maddootaa madaaluu shaakaluu, akkasumas gochaalee rakkoo furuu fi sababeeffannaa loojikii barbaadan irrattis bobba’uu nama gaafata.
3)Rakkoo walxaxoo ta’an maadheffachuu(Embrace complexity): Dhimmoonni baay’een roga hedduu kan qabaniifi furmaata salphaa akka hin qabnes hubachuu. Ilaalcha dachaa ilaaluun, wantoota adda addaa madaaluu fi waantota bitaa sitti galan ammoo hubachuuf qalbisaan caqasuu qabda. Waantota walxaxoo ta’an garmalee salphistee ilaaluu irraa of qusadhu. Hubannoo ga’aai rratti barbaadi malee.Xiinxaluun gamnummaadha jedhii yaadi
4)Dhaggeeffachuu dammaqinaan shaakali: Yeroo haasawa ykn falmii irratti bobbaatu namoota biroo dammaqinaan dhaggeeffachuuf Xiyyeeffannoo guutuu kenniif. Gaaffiiwwan ifa taʼan gaafadhu, akkasumas ilaalcha isaanii hubachuuf carraaqqii godhi. Dhaggeeffachuun dammaqinaan hubannoo haaraa akka argattu si gargaara akkasumas ilaalchuma keeyyuu irra deebitee dhugummaa isaa akka ilaaltee madaaltuuf sigargaara.
5) Ilaalcha adda addaa barbaadi: Sagalee fi ilaalcha adda addaatiin of marsi. Namoota seenaa, muuxannoo fi amantaa adda addaa qaban waliin haasa’uu shaakali. Ilaalcha adda addaatiif saaxilamuun yaada kee bal’isa, akkasumas gara laafina fi hubannoo akka qabaattuuf si gargaara.
6) Ilaalcha kee xiinxali: Yeroo hunda yaada, amantaa fi adeemsa murtoo mataa keetii irratti xiinxala geggeessi. Loogii ykn tilmaama qabaachuu dandeessu kamiyyuu qorachuu fi qeequun mormi. Ilaalcha filannoo biraa ilaaluu fi ragaa ykn falmii haaraan yeroo siif dhiyaatu yaada kee jijjiiruuf banaa ta’i.
7)Bal’inaan dubbisi: Kitaabota, barruulee fi meeshaalee biroo gosoota barnootaa fi ilaalcha adda addaa irraa dubbisi. Yaada, ti’oorii fi falaasama adda addaatiif of saaxili. Dubbisuun bu’uura beekumsa keetii bal’isuun dandeettii qeeqaa fi kalaqaan yaaduu kee guddisi.
8)Dandeettii fi eenyummaa kee hubachuu shaakaluu: Of beekuu fi dandeettii xiinxala sammuu keetii guddisuun yaada fi miira kee murtii namoota biroo malee akka ilaaltuuf si gargaara. kunis caalaatti ofuma keen akka yaaddu fi murtoo fooyya’aa akka gootuuf si gargaara.
HUB: Nama xiinxalaan nama dursu ta’uun imala obsaa fi cimina gaafatu ta’uu isaa hin dagatin!.Xiinxaluun gamnummaadha jedhii yaadi DabalatOrobest.com


