Website Mana marii Abbaa Alangaa PDF 2017etc dabalataOrobest.com. Website Manaarii

Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa  Oromiyaa Murtii   Dirqisiisiisummaa Hiikkoo  Seeraa Of Keessaa Qabu Kenneera.Website Manaarii

(Bitootessa 23,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)- Dhaddachi Ijibbaataa  Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Galmee Lakk. 466000 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 16/7/2017 ooleen  falmiin qoodinsa qabeenya waliinii abbaa warraa fi haadha warraa  tilmaamni isaa qarshii 300,000 ol ta’e  ilaalchisee sadarkaa Mana Murtii Aanaatti dhimma Abbaan Seeraa tokko itti moggafamee hojjetamuu danda’udha jechuun murtii dirqisiisaa  bu’uura Labsii Gurmaa’iinsaa fi Aangoo Manneen Murtii  Naannoo Oromiyaa irra deebiin fooyyeessuuf  bahe Lakk.216/2011 kwt.29 (1) fi Dambii Gurmaa’inaa fi Hojmaata Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa lakkoofsa 6/2011 kwt. 11 (1) tiin dirqisiisummaa hiika seeraa qabu kenneera.Guutummaa murtichaa telegraamii keenya ‘Oolmaa Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa’ jedhu irratti feenee waan jirruuf link  https://t.me/oolmaadhaddachaa2016 cuqaasuun argachuu kan dandeessan ta’uu ni beeksifna. Website Manaarii

𝗤𝗔𝗝𝗘𝗘𝗟𝑻𝐎𝐎𝑾𝑾𝗔𝗡 𝐇𝐎𝐑𝑫𝐎FAMUU 𝗤𝗔B𝗔𝗡
•••★•••
Akkuma beekamu,ergamni Mana Murtii tajaajila Abbaa Seerummaa heeraa fi seeraa irratti hundaa’e,qulqulluu,si’aawaa,dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa ta’e gahumsaa fi bilisummaan kennuudha.Kana milkeessuufis Manneen Murtii Godina keenyaa qajeeltoowwan armaan gadii hordofuu qabu:

➠Tajaajila Abbaa Seerummaa Manneen Murtii keenya kennan ilaalchisee falmii walfalmitootaa fi ragaalee waliin dhiyaatan,akkasumas ragaalee ajaja Mana Murtiitiin dhiyaatan madaaluun murtii qulqullina qabu kennuu;

➠Tajaajila Abbaa Seerummaa meeshaalee Teekinoolojii hammayyaa(TQO)’n deeggaruu;

➠Kabaja dhala namummaa qabaachuudhaan,obsaa fi naamusa gaariidhaan tajaajila seera qabeessa ta’e,seeraa fi seera qofa irratti hundaa’uun lammiileef kennuu;

➠Murteewwan keenya fi tajaajila kenninu hundaaf amantaa ummataa horachuuf itti gaafatamummaa ol’aanaan raawwachuu;

➠Tajaajila galmee banuu,deebii fuudhuu,ajaja baasuu,garagalcha adda addaa kennuu fi kanneen kana fakkaatan faayidaa fi loogii malee raawwachuu;

➠Marsaan dhimmoonni beellamaan turanii fi dheerinni beellamaa akkaataa daangaa yeroo kaa’ame keessatti tajaajila gaafatame kennuun danda’amuun qajeelfamuu fi hoogganamuu qaba.

TAJAAJILA KENNAMUU FI ISTAANDARDII KENNA TAJAAJILAA

A.#Dhimmoota_hariiroo_hawaasaa:
☞Dhimmootni hariiroo hawaasaa sirna falmii idileen ilaalaman Baatii sadi(3) hin caalle keessatti furmaata argachuu qabu.

☞Dhimmootni hariiroo hawaasaa sirna falmii gabaabaan ilaalaman Baatii lama(2) hin caalle keessatti furmaata argachuu qabu.

☞Dhimmootni hariiroo hawaasaa sirna falmii ariifachiisaan ilaalaman Baatii tokko(1) hin caalle keessatti furmaata argachuu qabu.

B.#Dhimmoota_Yakkaa:

☞Dhimmoonni yakkoota ciccimoo ilaallatan Baatii sadi(3) hin caalle keessatti furmaata argachuu qabu.

☞Dhimmoonni yakkoota salphaa ilaallatan Baatii lama(2) hin caalle keessatti furmaata argachuu qabu.

☞Dhimmoonni yakkoota danbii darbuu ilaallatan Baatii tokko(1) hin caalle keessatti furmaata argachuu qabu.

  Abbootiin Seeraa Godina keenyaa kana hubatanii hojiirra oolchuun haqa lammiilee mirkaneessuu qabu.
                   •••★••            
 

http://Web.com

Scroll to Top