Ummata oromoo Saba guddaa
Jiran
Seensa:
Ummatni Oromoo ummatoota impaayera Itophiyaa keessa jiran keessaa lafa bal’aa fi tarsiimoo irra qubatee jira. Oromiyaan handhuura impaayera Itophiyaa keessa jira. Habashoota gara Kaabaa jiranii fi saboota cunqurfamoo Kibba impaayera Itophiyaa keessa jiran gidduu lixee addaan kuta. Impaayera Itophiyaa bahaa – dhihatti adda mura. Baayyina ummataatiin kan hamma isaa gahu hin jiru.
Oromoon bara dheeraatii qabee darbaa dabarsaan kutaalee Oromiyaa har’aa kana irra jiraataa fi irratti wal horee dagaagee sadarkaa sabaa irra gahee jira. Biyya dhawataan Akaakilee fi Abaabayyuun irra jiraatan hawaasni Oromoo biyya abbaa keenyaa jedhanii waamu. . Seenaa barreessitotni Awurooppaa maqaa lafa Oromoo, Biyya Oromoo (Oromo country or Oromo land) jedhan. Jarmantichi J.Luwis Kraaf jedhamu maqaa biyya Oromoo “Ormania” haa jennu jedhe. Har’a qabsoo diddaa kolonii fi Bilisummaa wal duraa duubaan hawaasni Oromoo geggeessaa turee fi jirun, maqaan biyya Oromoo Oromiyaa tahee beekamee jira. Oromiyaan maqaa ABOn moggaasamee fi qabsoodhaan argamee dha. Ummata oromoo Saba guddaa
Bal’inni lafa Oromiyaa Kiiloo meetirii kaaree 600,000 (kuma dhibba jaha) ni caala. Biyyoota 54 Afriikaa keessaa biyyoota 17 qofatu bal’inaan Oromiyaa caalu. Biyyoota Awurooppaa keessaa bal’aa dha kan jedhamu Faransaayiin illee Oromiyaatu caala. Kuubaa, Bulgaariyaa, Xaaliyaanii fi Ingilizii yoo walitti dabalaman, bal’inaan hamma Oromiyaa hin ga’ani.
Oromiyaan uumaadhaan badhaatuu fi taadhii dha. Horii beeladaa, bineeyyii bosonaa, bosonaa fi albudaa lafa keessaan dureettii dha. Qabeenyaan ishee uumamaa kun erga gaafa kolonii Habashootaan qabamtee kaasee, koloneffattoota Habashaan saamamaa jira.
Mootummooti impaayera Itophiyaa bulchan marroo sadii kan tahu ummata biyyichaa lakkaawanii jiru. Oromoon erga gaafa sirna bittaa kolonii Habashaa jalatti kufee kaasee ummata miidhaa guddaan irra geessifamee dha. Gitni bittuu Habashaa wal furee aangootti dabran hundi bifa adda addaan Oromummaa Oromootti duulaa fi mirga abbaa biyyummaa isaa sarbuuf hojjetaa, bara mootummaa Wayyaanee dhaqqabani. Minilik irraa eegalee hanga Mootummaa Wayyaanee ammaatti kan Oromoof hile hin jiru.
Miidhaa fi dhiibbaa sirna bittaa kolonii jalaa bahuuf furmaatni jiru Qabsoo Bilisummaa jabeessuu qofa.
Ummatootni addunyaa sirna bittaa alagaan qaban hundi Qabsoo Bilisummaa geggeessuun bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaa argatani. Kan saba Oromoos kanaa ala tahuu hin danda’u. kanaaf Qabsoo Bilisummaa Oromoo wareegama ilmaan Oromoon har’a gahe fiixa baasuuf dachaa haa hojjennu.
Oromiyaa Koloneeffachuuf Carraa Warri Habashaa Argatani: Ummata oromoo Saba guddaa
Habashoonni jaarraa 14ffaa irraa kaasanii warra Awuroppaa wajjin hariiroo uummachuuf carraaquu jalqaban. Haata’u malee yeroo duraa hedduu hin milkoofne. Hariiroo akkasiin, yeroo Imaam Ahmad isaan lole waraanni poortugaal gargaarsifachuu danda’an. Hariiroo akasiin, Jaarraa 17ffaa jalqbaa irraa kaasee Misiyoonoti warra poortugaalii fi Ispeen biyyaa Habashaa seenuu jalqaban. Mootummootni Habashaa walii isaanii gidduuttis aangoo qabachuu irratti wal haa lolan malee, irra guddaa kana isaan sodaachise garuu dhiibbaa Oromoo ti. Kanaaf sodaa Oromoo irraa kan ka’e gargaarsa meeshaa wal duraa duubaan warra Awurooppaa irraa hidhatanii Oromootti duulaa yoona gahan.
Mootoma bakka bakkatti dhaabbatan keessa Oromoo deebisanii hedduu kan dhiiban warra Manz turan. Amaaroti Manzii biyya Oromoo gidduu kan qubachuu jalqaban bara Amda-tsiyoon (1314 – 44tti) ture. Duula lafa Oromoo qabachuuf godhaniif akka salphifatuufitti qubasuma waraanaan isaa tolfatan ture. Achi irraa ka’anii Oromootti duulaa turan.
Moototni Manzi, mootii moototaa Habashaa Gondoriif gibira galchu turan. Mootiin Habashaa Gondor, akka kutaa biyya isaanitti isaan fudhata ture. Citichi (island) qubsuma Amaaraa kan lafa Oromoo gidduutti hafe kun booda, bakka duula koloneeffachuu Oromiyaa irraa qindeessan taate. Achi irraa ka’anii gargaarsaa fi meeshaa lolaa argataniin Oromootti duuluu itti fufani.
1557tti erga Turkiin Mitsiwwaa qabatte jalqabee Habashootni meeshaalee lolaa bifa garaagaraan argachuu jalqaban. Qawwee argataniin Oromoo eeboo fi gaachanaan lolutti duuluu eegalan. Fakkeenyaaf, bara 1771tti yeroo Amahaa Iyyaasuun Gondor dhaqee qawwee haga tokko argate Manzitti deebi’e, namtichi Ingilizii Jemis Biruus jedhamu achi ture akka galmeessetti: “meeshaan isaanii(Omromoo) eeboo fi hofaa qaramee ibiddaan qarri isaa jabaatee fi gachana ture. Gaachanni isaanii yeroo roobaa yoo jiidhe waan laafuuf ni dadacha.a” jedhe. Oromoo meeshaa akkasii hidhatee lolutti Amahaa Iyyaasuun qawwee hidhateen duuluu jalqabe. Dura Oromoo kaarrayyuu warra abbaan isaa harkatti du’e irratti duula ba’e. Oromoon karaa hedduu miidhee, ajjeesee, hanga qarqara laga Awaashitti dhiibe. Ankoboritti qubsuma waraanaa tolfate. Amahaa Iyyaasuun qawwee argateen Manziin naanneessee Oromoota jiran dhiituu jalqabe.DabalataGoogle.com
Mootota Manzii darabee aangoo qabatan keessaa kan utuu Oromootti hin duulin aangoo irra ba’an hin turre. Keessattuu Saahila-sillaaseen kan waggaa 34 mo’e, Oromoo kaanitti duulaa, kaan ammo ofitti qabee firoomfachuu tooftaa baafate. Bara isaa kana keessa warri Awurooppaa yeroo duraatiif Shawaa (Manzi) seenuu jalqaban. Saahila-sillaaseen, warri Tigiree karaa namoota Awurooppaa biyya isaanii dhufaniin qawwee irraa argachuuf tattaafataa ture. Akka kanaan, bifa adda addaattiin qawwee haga tokko walitti qabachuu danda’e .DAbalatOrobest.com


