Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan beekamuu erga jalqabee oolee buleera. Gaggeessummaan dhimmoota milka‟inaafi kufaatii biyyaa, manneen hojii, garee hojiifi nama dhuunfaa murteessan keessaa isa tokkoodha. Jaarraa warraaqsa industirii arfaffaa/dijitalaa (4th industrial revolution; a digital era) keessatti jijjiirama gama haawasummaa, diinagdee, siyaasaafi seeraa akkasumas teeknoloojiitiin sadarkaa manneen hojii, biyyaafi idil-addunyaatti ariitiin ta‟aa jiru hoogganuufi gaggeessuun fedhii uummataa, mootummaa, qooda fudhatootaafi tajaajilamtoota kanneen biroo guutuufi jaarmiyaa ceesisuu keessatti gaggeessummaan qooda ol‟aanaa akka qabu hayyoonni ni ibsu. Keessattuu jaarraa 21ffaa keessatti mirga haqa argachuu dhaqabamaa taasiisuun ol‟aantummaa seeraa mirkeessuun nagaafi tasgabbii waareessuu keessatti gaggeessummaan gumaacha ol‟aanaa qaba. Hayyoonni baay‟een yaad-rimee, yaadiddamaafi tooftaan gaggeessummaa (concepts, theories and styles of leadership) fixataa akka hin taane ibsu. Hiika gaggeessummaa irratti akka idiladdunyaatti waliigalteen kan hin jirre ta‟uu ni ibsu. Haa ta‟u malee, gaggeessummaan mul‟ataafi galmoota waloo fiixa baasuuf tooftaa garagaraatti fayyadamuun hordoftoota of duuka hiriirsuu akka ta‟e yommuu ibsan ni mul‟ata. Yaadiddammoonni gaggeessummaa adda addaa gaggeessummaa bifa garaagaraatiin ibsu. Yaadiddamoonni muraasni gaggeessummaan uumamaan kan argamu ta‟uu yommuu ibsan yaadiddamoonni biroo ammoo gaggeessummaan barnootaan kan argamu ta‟uu addeessu. Dabalataan, yaadiddamoonni gaggeessummaa haalaafi tooftaa gaggeessitoonni fayyadaman irratti hunda‟uudhaan ibsuuf yaalanis ni jiru. Hayyoonni yaadiddama gaggeessummaa haal irratti hundaa‟u maddisiisan gaggeessummaan bilchina/qophaa‟uummaa hordoftootaa/hojjettootaa, aadaa biyyaaleessaafi manneen hojii, yeroo, amala jaarmiyaafi k.k.f. irratti hunda‟uudhaan xiinxalu. Kana irraa ka‟uun „there is no one right way to lead‟ jechuun dubbatu. Hima biraatiin, gaggeessummaan haala irratti hunda‟a waan ta‟eef yaadiddamaafi tooftaa gaggeessummaa tokko qofatu sirriidha jechuun ni ulfaata. Kunis, gaggeessitoonni manneen hojii amala manneen hojiifi haalawwan biroo xiinxaluun akka akka isaatti itti fayyadamuu kan danda‟an ta‟uu namatti agarsiisa. Yaad-rimeewwan, yaadiddamoota, qajeeltoowwaniifi tooftaalee gaggeessuummaa hojjiirra oolchuun ergamaafi mul‟ata manneen hojii milkeessuuf dhimmoota kanneen irratti hubannoo, ilaalchaafi amantaa cimaa uumuun gaggeessitootaafi hooggantoota horachuun baay‟ee murteessaadha. Keessattuu, gaggeessitoonniifi ogeeyyiin qaamolee seeraa dandeettii
gaggeessummaa gaarii ta‟e (excellent leadership skill) qabaachuu qabu. Haa ta‟u malee, barnootni gaggeessummaa sirna barnootaa muummee seeraa dhaabbilee barnootaa ol‟aanaa biyya keenyaa keessatti hammatamee barsiifamaa hin jiru. Barnootni muummee seeraa keessatti kennamaa jiru beekumsa, dandeettii ogummaa seeraafi dhimmoota seeraaf furmaata kennuu (solving legal problems) gabbisuu irratti malee dandeettii ogummaa gaggeessummaa qaruu irratti hin xiyyeeffatu. Inistitiiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO‟n) faayidaa ogummaan gaggeessummaa qabuufi fedhii qaamoolee seeraa Oromiyaa bira jiru adda baasuun mata-dureen leenjii gaggeessummaafi jijjiirama hoogganuu jedhu sirna leenjii (curriculum) leenjii hojiin duraa, leenjii hojiirraa yeroo dheeraafi gabaabaa keessatti hammachiisuun leenjii kennaa jira. Haa ta‟u malee, mata duree kana irratti moojuuliin leenjii haala qabatamaa qaamoolee seeraa giddu galeessa godhate waan hin turreef moojuuliin kunis haqina kan furuuf kan qopha‟ee dha. Moojuliin kun leenjifamtoonni yaadrimee, yaadiddamaa, qajeeltoowwaan gaggeessummaa, tooftaa gaggeessuummaa, faayidaa gaggeessummaafi jijjiirama hoogganuu irratti hubannoo, ilaalchaafi amantaa gabbiffatanii tajaajila haqaa dhaqqabamaa taasiisuun mirga dhuunfaafi garee kabachiisuun ol‟aantummaa seeraa mirkaneessuun misoomaa, ijaarsa sirna dimookiraasii, nageenyaafi tasgabbii naannichaafi biyyaa keessaatti shoora isaanii akka bahatan ni gumaacha jedhamee amanama. ta‟u, Bu‟uuruma kanaan, moojuliin kun boqonnaawwan gurguddoo 3(sadii) tti kan qoqqoodame dha. Boqonnaa tokkoffaan yaadrimee gaggeessumaa: dhimmoota waliigalaa kan hammate yoo maalummaa gaggeessummaa, dhimmoota gaggeessummaa murteessan, gaggeessummaa: aangoofi dhiibbaa uumuu, gaggeessummaafi kenna murtii, hariiroo gaggeessummaafi hooggansaa, hariiroo aadaafi gaggeessummaa akkasumas hariiroo gaggeessummaafi koorniyaa ilaalamanii jiru. Boqonnaa lammaffaa jalatti immoo yaadiddamootaafi tooftaalee gaggeessummaa kan ilaallu ta‟a. Haaluma kanaan, yaadiddamoota gaggeessummaa isaan ijoofi beekamoo ta‟anifi akkasumas tooftaaleen gaggeessummaa isaan ijoon tokko tokkoon ibsamanii jiru. Ciminaa fi hanqinaaleen yaadiddamootaafi tooftaalee kanneenis ibsamanii jiru. Dabalataanis, gaggeessummaa abbaa seerummaafi abbaa alangummaa, yaadiddamootaafi tooftaalee gaggeessummaa qaamolee kanneen keessatti bal‟inaan hojiirra ooluu danda‟anifi dhimmoota gaggeessummaa abbaa seerummaa gaggeessummaa manneen hojii mootummaa kanneen biroo irraa adda taasiisan ibsamanii jiru.
Boqonnaa sadaffaan dhimmoota jijjiirama hoogganuu wajjiin walqabatan irratti xiyyeeffata. Haaluma kanaan, yaad-rimee jijjiiramaa akka waliigalaatti, humnoota jijjiirama dirqama taasisan, akaakuwwan jijjiiramaa, uuwwisa jijjiiramaa, maalummaa jijjiirama hoogganuufi adeemsa jijjiiramni ittiin hoogganamu, rincica jijjiiiramaafi rincica hoogganuufi k.k.f. hammatee jira. Leenjifamtoonni leenjii kana erga xumuranii booda: Kaayyoo Gooroo Yaad-rimee, yaadiddamootaafi tooftaalee gaggeessummaa akkasumas jijjiirama hogganuu irratti hubannoofi dandeettii duraan qaban caalmaatti gabbifatanii bulchiinsa sirna haqaafi seeraa sadarkaa biyyaafi naannoo Oromiyaa keessatti akkaataa yeroon gaafatuun gahee isaan irraa eegamu bahachuuf akka onnatan taasisuu dha. Kaayyolee Gooree Yaadrimee gaggeessummaa akka waliigalaatti ni hubatu, Yaadiddamootaafi tooftaalee gaggeessummaa adda baasuun hubachuun kanneen manneen hojii isaanii wajjiin wal-simu filachuun hojiirra ni oolchu, Yaad-rimee jijjiiramaa hubachuun jijjiirama hogganuu keessatti qooda isaanii ni gumaachu. 3
BOQONNAA TOKKO YAAD-RIMEE GAGGEESSUMMAA: DHIMMOOTA WALIIGALAA 1.1. Seensa Jaarraan 21ffaan jaarraa warraaqsa industirii 4ffaa (4th industrial revolution, a digital era) jedhamuun beekama. Addunyaan, gama hawaasummaafi siyaas-dinagdeetiin jijjiirama daran ariifataa ta‟e keessa jirti. Kunis, fedhiin hawaasaa yeroo gara yerootti guddachaafi babal‟achaa akka deemuuf sababa ta‟ee jira. Jijjiiramoonni kunneen immoo gurmaa‟insaafi hojimaata seektaroota dhuunfaafi mootummaa irratti kallattiinis ta‟ee alkallattiidhaan dhiibbaa uumuun isaanii waan hafuu miti. Qaamolee mootummaa keessaa immoo Manneen Murtiifi Biiroo/Waajjiraaleen Abbaa Alangaa sadarkaan jiran dhiibbaa kanaa ala ta‟uu hin danda‟an. Dhiibbaa kana dandamachuun jijjiiramatti madaquufi hoogganuuf; kenniinsa tajaajila haqaa dhaqqabamaa taasisuun olaantummaa seeraa mirkaneessuun amantaa ummataa horachuuf ogummaa abbaa seerummaafi abbaa alangummaa cinaatti dandeettii gaggeessummaafi hooggansaa qabaachuun daran murteessaa dha. Kana waan ta‟eefis, yaadrimeewwan gaggeesuummaa irratti hubannoo waliigalaa cimsachuun barbaachisaadha. Boqonnaa kana keessatti, yaadrimeewwan gaggeessummaan walqabatan bal‟inaan kan ilaallu ta‟a. Xumura Boqonnaa kanaa booda leenjifamtoonni; Yaadrimee gaggeessummaa irratti hubannoo isaanii ni cimsatu, Dhimmoota gaggeessummaa ibsuuf murteessaa ta‟an adda baasuun ni hubatu, Hordoftootaafi akaakuu isaanii irratti hubannnoo ni argatu, Hariiroo gaggeessummaa, aangoofi dhiibbaa uumuu(influence) addaan ni baafatu, Maalummaafi Adeemsa murtii kennuu keessattii gahee gaggeessaan qabu ni hubatu, Hariiroo gaggeessummaafi hooggansaa adda baasun ni ibsu, Hariiroo aadaafi gaggeessummaa ni hubatu Hariiroo koorniyaafi gaggeessummaa adda ni baafatu. 4
1.2. Maalummaa Gaggeessummaa Yaadrimeen gaggeessummaa yeroo yeroon jijjiiramaafi guddachaa dhufuu irraa kan ka‟e hiikkaan walfakkaataan akka waliigalaatti irratti waliigalame argachuun rakkisaa ta‟uu hayyoonni ni ibsu.1 Jaarraa hedduuf gaggeessaaf hiikni goota („leader as hero‟) jedhu itti kennamaa akka ture barreeffamoonni ni ibsu. Jechi gaggeessaa jedhu hojiirra ooluu kan jalqabe jaarraa 20ffaa keessa dha. Jaarraa 20ffaa dura garuu, gaggeessaa jechuun nama gootummaa qabu, onnee-qabeessa, dubbatee kan sodaachisu, lolee kan moo‟atu, simboqabeessa jechuu akka ta‟e yaadiddamni nama jabaa/beekamaa (great-man theory) jedhamu ni ibsa.2 Yaadiddamni kun namni tokko gaggeessaa ta‟ee dhalata ejjannoo jedhu qaba. Kana malees, Thomas Carlyle seenaan addunyaa seenaa dhuunfaa namoota beekamoo akka ta‟e ibsee jira.3 Yaadiddamoonni biroo immoo yaadrimee gaggeessummaa; amala/dandeettii gaggeessaan tokko qabu, tooftaa gaggeessaan fayyadamu, amala hordoftootaa, haala irratti hundaa‟un hiiku. (Waa‟ee yaadiddamoota kanneenii boqonnaa 2ffaa keessatti bal‟inaan kan ilaallu ta‟a). Itti dabaluun, Joseph Rost, barreeffama „leadership for the 21st century‟ (1991) jedhu keessatti barreeffamoota gaggeessummaa irratti bara 1900-1990tti barreeffaman irratti xiinxala taasiseen hiikkoowwan gaggeessummaaf kennaman 200(dhibba lama) ol adda baasee jira. Hiikkoowwan kunniinis akka waliigalaatti bifa walfakkaataa ta‟een gaggeessummaan namni tokko namoonni biroo akka waa hojjetan taasisuu dha jechuun hiiku. Haa ta‟u malee, hayyoonni tooftaa gaggeessitoonni hordoftoota isaanii kakaasuuf/ jajjabeessuuf itti fayyadamanifi kaayyoowwan garee yookiin mana hojiitiin walqabatee eenyutu ibsa/odeeffannoo kennuu qaba kan jedhu irratti hiikkoo garagaraa kennamee jira. Bu‟uuruma kanaan, bara 1900-1929 gidduutti hiikkoowwan yaad-rimee gaggeessummaaf kennaman to‟annoofi aangoo dhuunfachuu (control and centralization of power) irratti xiyyeeffatu ture. Bara 1930-1940 keessa immoo dandeettii/amala addaa gaggeessaan uumamaan qabu (trait approach) irratti xiyyeeffata ture. Akkasumas, hiikni bara 1940-1959 gidduutti gaggeessummaaf kennamaa ture yaadiddama garee, galmoota waloofi bu‟aaqabeessummaa (group approach/theory, shared goals and effectivesness) irratti xiyyeeffata. 1The concept of leadership, https://www.dce-darbhanga.org › 2020/04, gaafa 13/06/2015 A.L.I. kan ilaalame 2Raggaasaa Addunnaa, 2011 A.L.I, Gaggeessummaa; Aartii fi Saayinsii Gaggeessummaa Ammayyaa, fuula 1 3Weebsaayitii, https://www.degruyter.com › document › doi › html, gaafa 13/06/2015 A.L.I. kan ilaalame The Great Man Theory is associated most often with 19th-century commentator and historian Thomas Carlyle, (1840) who commented that “The history of the world is but the biography of great men,” reflecting his belief that heroes shape history through both their personal attributes and divine inspiration.
Itti fufuun, bara 1960-1970 keessa gocha/hojii, amala nama dhuunfaa/garee, gurmaa‟insaafi galmoota mana hojii (leadership as behaviour and organizational behaviour) irratti hundaa‟uun gaggeessummaa hiikuuf yaalamee jira. Bara 1980fi gara boodaa kanarra immoo fedhii gaggeessitootaa, dhageettii qabaachuu/ dandeettii dhiibbaa uumuu, dandeettii/amala addaa gaggeessaan uumamaan qabu fi jijjiirama irratti hundaa‟uudhaan hiikkoon itti kennamee jira. Kana malees, hiikkoowwan bara 1990 keessa kennaman dhiibbaa gaggeessitoonnifi hordoftoonni walirratti taasisan irratti hundaa‟uun (leadership is an influence relationship between leaders and followers who intend real changes that reflect their mutual purposes) gaggeessummaaf hiikkoo kennanii jiru.4 Hiikkoon gaggeessummaaf jaarraa 21ffaa keessa kennamaa jiru walxaxaa ta‟aa dhufaa jira. Jaarraa kana keessa yaadrimeewwan gaggeessummaa haaraan kanneen akka gaggeessummaa qajeelaa, gaggeesummaa tajaajilaa, gaggeessummaa madaqsaa beekamtii argachaa kan dhufanii jiru. Itti aansuun, maalummaa gaggeessummaa caalmaatti ifa gochuuf hiikkoowwan hayyoota gargaraatiin yeroo garagaraatti kennaman akka itti aanutti kan ilaallu ta‟a. Dwight D Eisenhower (1890), “Gaggeessummaan aartii namootni hojii ofii barbaadan namoota biroo fedhii isaaniitiin akka hojjetan taasisuu dha’’ jedha. Kana irraa wanti hubatamu, gaggeessummaan dirqamaan osoo hin taane nama keessatti kaka‟umsa uumun fedhii guutuun akka hojjetan taasisuun jijjiirama fiduudha kan jedhu dha. Joe Jaworski‟n immoo “Gaggeessummaan hiree mana hojii murteessuufi hamilee achi gahuuf dandeessisu qabaachuudha” jechuun ibsa. Kana jechuunis, gaggeessummaan dursanii manni hojii ykn dhaabbatichi eessa gahuu akka qabu galma ifa ta‟e kaawwachuu fi kutannoo galmicha dhugoomsuuf barbaachisu, ejjannoo qajeelaa akkasumas eenyummaa gaarii/good personality qabaachuu kan gaafatu ta‟uu isaati. Stogdill 1950 keessa gaggeessummaaf hiika kenneen; „„leadership may be considered as the process (act) of influencing the activities of an organized group in its efforts toward goal setting and goal achievement‟‟ akkasumas 1974 keessa gaggeessummaa; „„leadership is the inititiation and maintenance of structure in expectation and interaction‟‟ jechuun hiika itti kennee jira. Kunis, gaggeessummaan adeemsa gareeen hojii tokko galmoota hojii akka kaawwatuufi fiixaan baasu taasisuu; gurmaa‟insa hojii maddisiisuufi tolchuu jechuu dha. 4 Joanne B. Ciulla, Introduction to the ethics of leadership, 2003, https://scholarship.richmond.edu/bookshelf
Tannenbaum, Weschler fi Massarik (1961), jedhaman “Gaggeessummaan haala qabatamaa jiru keessatti kan raawwatu, dhimma namoota gidduutti dhiibbaa uumamuu fi galma murtaa‟e kan qabudha” jechuun ibsanii jiru. Kunis, gaggeessummaan haala qabatamaa manicha keessa jiru irratti hundaa‟uun dhiibbaa uumuun galma barbaadamu bira gahuu dhaan kan ibsamu dha. Dabalataanis, hayyoonni Donelly, J.H. fa‟i – “Gaggeessummaan adeemsa hubannoo uumuutiin sochiiwwan hordoftootaa irratti dhiibbaa geessisuun galmoota waliinii bira gahuuf taasifamudha” jechuun hiikanii jiru. Akka hiikkaa kanaatti, gaggeessummaa jechuun galma waloo dursee qophaa‟e ykn ifaan taa‟e bira gahuuf yaaduun hordoftoota horachuufi isaan irrattis dhiibbaa hiika qabu taasisuu kan barbaadu ta‟uu isaati. Kana malees, Richards fi Engle (1986) “Gaggeessummaan waa‟ee mul‟ata kaawwachuufi beekisisuu, duudhaalee gonfachuufi naannoo hojii mijataa uumuuti” jechuun ibsu.5 Gaggeessaan mul‟ata ifa ta‟e qabaachuu qaba, mul‟atichas immoo hordoftootatti beeksisuun murteessaa ta‟a. Kana malees, duudhaalee mul‟aticha dhugoomsuuf gargaaran horachuufi naannoon hojii hawwataa akkasumas milkaa‟ina barbaadamu fiduuf kan gargaaru ta‟uutu irra jiraata. Naannoo hojii mijataa gaafa jedhamu gahumsaafi naamusa hojjettootaa, itti fayyadama teknoloojii, tajaajila haala salphaafi qulqullinaan kennuu, qulqullina naannoo hojiifi magariisummaafi k.k.f kan hammatuu dha. Hayyoonni Jaques E. fi Clement, S.D. (1994) “Gaggeessummaan adeemsa namni tokko namoota biroof kallattii fi faayidaa waliinii argisiisuun kaka‟umsaafi kutannoon akka isa hordofan taasisuuti” jedhu. Gaggeessummaan adeemsa gaggeessaan mul‟ata waloo isaanii bu‟aa argamuu danda‟u waliin ibsuun hordoftoota of duukaa hiriirsisuu danda‟uu akka ta‟e ibsanii jiru. Kana malees, Kouzes, J.M. & Posner, B.Z. (1995), “Gaggeessummaan aartii namootni biroon galma waliitiif kutannoon akka socho‟an taasisuuti” jedhu. Kunis, gaggeessummaan saayinsii qofa osoo hin taane aartii/kennaa uumamaa akka ta‟eefi aartii kanaan namoota keessatti kaka‟umsa uumuu danda‟uu wajjiin kan walqabatu ta‟uu dha. Akkasumas, bara 2002 A.L.A. hayyoonni kunniin gaggeessummaa, „„leadership is a relationship between those who aspire to lead and those who choose to follow‟‟ jechuun hiikanii jiru. Kunis, 5Gary Yukl, Leadership in Organizations, 8th Edition, 2013, Fuula 3
gaggeessummaan hariiroo namoota gaggeessaa ta‟uu hawwaniifi namoota isaan hordofuu filatan gidduu jiru akka ta‟etti kan hubatamuu dha. Hayyuun John C.Maxwell, gaggeessummaan dhiibbaa uumuu (leadership is an influence) jedhuun hiikkoo itti kennee jira.6 Akkasumas, hayyoonni Buchannan fi Huczynski (1997) jedhaman, “Gaggeessummaan adeemsa hawaasummaa namni tokko amala namoota biraa irratti jeequmsa/sodaa/doorsisa malee jijjirama fiduuti” jechuun hiikanii jiru. Hayyuun Peter Northouse jedhamu gaggeessummaa yoo ibsu, “Leadership is a process whereby an individual influences a group of individuals to achieve a common goal”.7 Kana jechuunis, gaggeesummaan adeemsa galma waloo tokko milkeessuuf namni dhuunfaan miseensota garee keessatti dhageettii qabaachuu/dhiibbaa uumuuti. Kanaafuu, akka hiika kanaatti gaggeessummaan; dhiibbaa uumuu/dhageettii qabaachuu, gareefi galma waloo hammata jechuu dha. Akkuma waliigalaatti, dhibbaan uumamuu danda‟u dhiibbaa eeyyantaa/positive yookin hi‟intaa/negative yoo ta‟u, kunis mul‟ataafi galma waloo milkeessudhaaf jecha kan uumamu akka ta‟e hubatamuu qaba. Akkasumas, hiikkaa yeroo as dhiyoo keessa hayyuun Yukl (2013) jedhamu hiikkaa gaggeessummaa hayyuu Northouse„n kenname kana fooyyessuun hiika hunda galeessaa kennuuf yaalee jira. „„Leadership is the process of influencing others to understand and agree about what needs to be done and how to do it, and the process of facilitating individual and collective efforts to accomplish shared objectives.‟‟ 8 Kana jechuunis, gaggeessummaan adeemsa dhageettii qabanitti fayyadamuun namoota birootif; maaltu akka hojjetamuuf deemu, tarkaanfiwwan barbaachisaniifi haala hojiirra oolmaa isaa hubachiisuun tattaaffiwwan dhuunfaafi garee qindeessuun galma waloo dhugoomsuu dha. 6John C.Maxwell, Developing Leader wihin you, 1995, fuula 15
Hayyuun Burns jedhamus haaluma hiikkaawwan haayyoota kanneenin kenname kana cimsuun „leadership is nothing if not linked to collective purpose‟ (gaggeessummaan kaayyoo waloo wajjiin hidhata yoo qabaachuu baate gatii hin qabu) jechuun ibsee jira. Walumaagalatti, hiikkoowwan hayyootaan kennaman kanneen irraa gaggeessummaan tooftaa garagaraa fayyadamuun hordoftoota irratti dhiibbaa taasisuun galma waloo tokko milkeessuu jechuu akka ta‟e ni hubatama. Kana malees, gaggeessummaan mul‟ata qabaachuufi beeksisuu; guramaa‟insaafi hojimaata haaraa maddidiiduufi qopheessuu; aartii, adeemsa, dhageettii qabaachuu, galma waloo milkeessuuf dhiibbaa taasisuu, garee keessatti kan uumamu ta‟uu ni hubatama. 1.3. Dhimmoota Gaggeessummaa Murteessan (Factors of Leadership) Gaggeessumman haalota adda addaatin murtaa‟uu danda‟a. Dhimmoonni gaggeessummaa murteessan kunneenis kallattii adda addaatiin kan ilaalamuu danda‟an waan ta‟aniif hedduu ta‟u danda‟u. Haa ta‟u malee, isaan ijoo haala waliigalaatin dhimmoota gaggeessummaa murteessan jedhamanii beekamtii kan argatan (4) afur dha. Isaanis; gaggeessaa (leader), hordoftoota (followers), kominikeeshinii (comunication) fi haala qabatamaa (Situation) dha.9 Itti aansun tokkoon tokkoo isaanii haa ilaallu; i. ii. Gaggeessaa (Leader) – Namni gaggeessaa ta‟e kun nama akkamiiti? Gahumsi, muuxannoofi tooftaan gaggeessummaa isaa maal fakkaata? Manni hojii ykn dhaabbatichi tooftaa gaggeessummaa akkamii gaafata? Dhimmoota jedhan kan hammatu dha. Ciminniifi laafinni gaggeessaa milkaa‟ina ykn kufaatii mana hojichaatiif karaa saaquu kan danda‟u dha. Kanaafuu, gaggeessaan hanqinaafi cimina isaa tokko tokkoon adda baasee beekuu qaba. Kunis, hordoftoota isaa/ishee biraa dhageettii argachuun imala gara fuulduraa manni hojichaa ykn dhaabbatichi ykn gareen qabatee ka‟e milkeessuuf gargaara. Hordoftoota (Followers) – Gaggeessummaan hojiirra ooluu kan danda‟u yoo gareen namoota muraasaa hanga jaarmiyaa gurguddaa ykn kutaa hawaasaa xiqqaa irraa eegalee hanga sadarkaa biyyaa gahuu danda‟u yoo jiraate dha.10 Isaan kana immoo wanti isaan walitti fidu galmi waloo akka bira gahamu ykn milkaa‟u barbaadamu jiraachuu isaati. Egaa adeemsa kana keessatti immoo namoonni adda addaa tooftaa gaggeessummaa adda addaa barbaadu. Fakkeenyaaf, mana hojii tokko yoo fudhan
Hayyuun Burns jedhamus haaluma hiikkaawwan haayyoota kanneenin kenname kana cimsuun „leadership is nothing if not linked to collective purpose‟ (gaggeessummaan kaayyoo waloo wajjiin hidhata yoo qabaachuu baate gatii hin qabu) jechuun ibsee jira. Walumaagalatti, hiikkoowwan hayyootaan kennaman kanneen irraa gaggeessummaan tooftaa garagaraa fayyadamuun hordoftoota irratti dhiibbaa taasisuun galma waloo tokko milkeessuu jechuu akka ta‟e ni hubatama. Kana malees, gaggeessummaan mul‟ata qabaachuufi beeksisuu; guramaa‟insaafi hojimaata haaraa maddidiiduufi qopheessuu; aartii, adeemsa, dhageettii qabaachuu, galma waloo milkeessuuf dhiibbaa taasisuu, garee keessatti kan uumamu ta‟uu ni hubatama. 1.3. Dhimmoota Gaggeessummaa Murteessan (Factors of Leadership) Gaggeessumman haalota adda addaatin murtaa‟uu danda‟a. Dhimmoonni gaggeessummaa murteessan kunneenis kallattii adda addaatiin kan ilaalamuu danda‟an waan ta‟aniif hedduu ta‟u danda‟u. Haa ta‟u malee, isaan ijoo haala waliigalaatin dhimmoota gaggeessummaa murteessan jedhamanii beekamtii kan argatan (4) afur dha. Isaanis; gaggeessaa (leader), hordoftoota (followers), kominikeeshinii (comunication) fi haala qabatamaa (Situation) dha.9 Itti aansun tokkoon tokkoo isaanii haa ilaallu; i. ii. Gaggeessaa (Leader) – Namni gaggeessaa ta‟e kun nama akkamiiti? Gahumsi, muuxannoofi tooftaan gaggeessummaa isaa maal fakkaata? Manni hojii ykn dhaabbatichi tooftaa gaggeessummaa akkamii gaafata? Dhimmoota jedhan kan hammatu dha. Ciminniifi laafinni gaggeessaa milkaa‟ina ykn kufaatii mana hojichaatiif karaa saaquu kan danda‟u dha. Kanaafuu, gaggeessaan hanqinaafi cimina isaa tokko tokkoon adda baasee beekuu qaba. Kunis, hordoftoota isaa/ishee biraa dhageettii argachuun imala gara fuulduraa manni hojichaa ykn dhaabbatichi ykn gareen qabatee ka‟e milkeessuuf gargaara. Hordoftoota (Followers) – Gaggeessummaan hojiirra ooluu kan danda‟u yoo gareen namoota muraasaa hanga jaarmiyaa gurguddaa ykn kutaa hawaasaa xiqqaa irraa eegalee hanga sadarkaa biyyaa gahuu danda‟u yoo jiraate dha.10 Isaan kana immoo wanti isaan walitti fidu galmi waloo akka bira gahamu ykn milkaa‟u barbaadamu jiraachuu isaati. Egaa adeemsa kana keessatti immoo namoonni adda addaa tooftaa gaggeessummaa adda addaa barbaadu. Fakkeenyaaf, mana hojii tokko yoo fudhanne
hojjetaa haaraan hojjetaa buleessa caalaa deeggarsaafi hordoffii barbaada. Hojjettoota miira kaka‟umsaa hin qabne dadammaqsuufi si‟oomina akka horatan taasisuu barbaachisa. Kanaafuu, gaggeessaan gaaffiwwan; hordoftoonni kiyya eenyu? Ciminaa fi hanqinni isaanii maali? Fedhiin isaanii maali? fi k.k.f xiinxaluu danda‟uu qaba. iii. Kominikeeshinii (Communication) – hojiin gaggeessummaa hariiroo qunnamtii gam-lamee (two way communication) dhaan raawwatama. Bu‟uuraan, dandeettiin kominikeeshinii dubbii danda‟uu qofa osoo hin taane sonawwan quuqama qabaachuu, haqummaan tajaajiluu, safuufi duudhaan ummataa kan keessatti calaqqisu ta‟uun hubatamuu qaba.11 Qabiyyeefi akkaataan odeeffannoon itti waljijjiramu bifa adda addaa qabaatus bu‟uuraan garuu hariiroo gam-lamee cimsuufis ta‟ee laaffisuuf gahee olaanaa qabaachuu danda‟a. iv. Haala qabatamaa (Situation) – haalonni yeroo yeroon ni jijjiiramu. Haalota jijjiiraman kanneen keessatti gaggeessummaan kennamu bifa tokkoon ta‟uu dhiisuu mala. Akkuma haala qabatamaa lafarra jiruufi akkaataa barbaachisummaa isaa irratti hundaa‟uun tooftaawwan gaggeessummaa adda addaatti fayyadamuun baay‟ee barbaachisaa dha. Fkn. osoo rakkoon mana keessatti hin hammaatin kallattii furmaataa kaa‟uu fi erga wanti hundi kallatti gadhiisee booda tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun qixxee miti. Haalota jijijjiiraman keessatti akkaataafi tooftaan gaggeessummaa akka hojiirra oolu barbaadamu bu‟aa dhufu wajjiin hariiroo kallattii qabaachuu danda‟a. Hayyuun Yukl jedhamu, haalonni adda addaa amala gaggeessitootaa fi hordoftootaa akkasumas hariiroo waliinii isaanii irratti kallattiinis ta‟ee alkallattiin dhiibbaa uumuu danda‟u.12 1.3.1. Barbaachisummaa Gaggeessaa Gahee gaggeessaa baay‟ee murteessaa ta‟uu isaa irraa kan ka‟e, waa‟ee gaggeessummaa gaggeessaa malee yaaduun rakkisaa akka ta‟e ni beekama. Gaggeessaan tokko akka gaggeessaatti sonawwan murteessaa ta‟an kanneen akka; dhagahamummaa qabaachuu, suurra-qabeessaa fi kabajamaa ta‟uu qaba. Kunis, akka dhuunfaattis ta‟ee akka gareetti milkaa‟ina barbaadamu fiduu keessatti qooda olaanaa qaba. Gaggeessummaan sadarkaa fi bakka adda addaatti hojii irra akka oolu beekamaa dha. Kunis, garee keessatti, hawaasa keessatti, sadarkaa biyyaafi addunyaatti dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa keessatti, jaarmiyaalee hawaasaa, dhaabbilee amantaa k.k.f. keessatti hojiirra ni
oola. Egaa akkuma maalummaa isaa irraa hubachuun danda‟umutti gaggeessaan milkaa‟ina mana hojii tokkoof baay‟ee murteessaa dha. Sababni isaatis, hunda dura manni hojii tokkoo milkaa‟uu kan danda‟u mul‟ata yoo qabaate dha. Manni hojii ykn dhaabbatni mul‟ata hin qabne imala dheeraa milkaa‟inaan dabaalame hin qabaatu. Mul‟ata mana hojii ykn dhaabbata tokkoo haala ifa ta‟e kaa‟uuf/maddisiisuu keessatti immoo gaheen gaggeessaa daran olaanaa dha. Itti dabaluun hayyuun gaggeessummaa tokko „„A leader creates a vision with others, or shares their own with others, and inspires them.‟‟ 13 jechuun ibsee jira. Kunis, gaggeessaan mul‟ata waloo qopheessuun namoota kakaasuun galma mana hojii milkeessuu keessatti qooda kan qabu ta‟uu agarsiisa. Bu‟uura mul‟ata mana hojii ykn dhaabbatichaatin tarsiimoowwan adda addaa mul‟aticha milkeessan diriirsuun hojii irra oolchuufis nama kamiyyuu caalaa gaggeessaan adda durummaan gahee olaanaa qabaata. Tooftaafi saayinsii gaggeessummaaatti fayyadamuun qabeenya mana hojii qooduu fi to‟achuu, hojjettoota murteessoo ta‟an filachuu, aadaa mana hojichaa roga qabsiisuu fi mana hojichaa ummata biratti beekisisuun gaggeessaa cimaa barbaada. Kana malees, gaggeessaan handhuura guddinaati jedhamuu danda‟a. Sababni isaas; gaggeessaa milkaa‟aan mul‟ata hawwataa qopheessa. Gaggeessaan mul‟ata qopheessuu qofa osoo hin taane mul‟atichi hawwataa ta‟uu isaatis mirkaneeffachuu danda‟uu qaba. Mul‟atni hawwataa ta‟ee qophaa‟e immoo hordoftoota keessatti miira kaka‟umsaa uumuun imala milkaa‟inaatiif humna dabalataa ta‟uu danda‟a. Kana dhugoomsuuf immoo mul‟ata kaawwame irratti hubannoo gahaa uumuun baay‟ee barbaachisaa dha. Hubannoon qixa barbaadamuun kan uumamu taanaan immoo galmootaafi kaayyolee sadarkaa kamittuu kaa‟aman fiixaan baasuuf si‟oominaa fi kaka‟umsa uuma. Akka hayyuu saayinsii gaggeessummaa Burns jedhamuutti, gaggeessaan nama dandeettii yaada hordoftootaa madaaluu, miira isaan irraa mul‟achuu danda‟uufi humna isaanii tilmaamuu danda‟u ta‟uu qaba. Kanaafuu, gaggeessaan miiraafi fedhii hordoftoota isaa sirnaan hubachuutu irraa eegama jechuu dha. Gama biraatiin, gaggeessummaan duudhaa mana hojichaa kabachiisuuf, gaheefi itti gaafatamummaa hojjettoota manichaa kaayyoo waliigalaa mana hojichaa wajjiin walitti hidhuuf, raawwii hojii olaanaa galmeessisuufi bu‟aa 13 Jossep O‟Connor, Essential Leadership Skills for Influencing and Managing People, 2001, fuula 3
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan
Seensa Waliigalaa Gaggeessummaan

https://odaamarket.com/indigenous-peoples-rights-international/
Civic Engagement and Critical Thinking: The Dynamic Duo for a Better Society

