Seenaa Saba oromoofi oromiyaa
Seenaa Saba oromoofi oromiyaa
Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce. Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame Oromoo wajjiniin walitti bu’iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti walitti bu’aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule ture.
Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi mootummaan Itoophiyaa hin hundaa’in dura, naannon amma Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana:DabalataOrobest.com
#Guinness_World_Records
Gurbaan kun miilla hinqabu jedhee ofi hintuffanne, abdiis hinkutne..
Hanqina isaa carraatti jijjiiree atileetii beekamaa tahuu dandahee jira…
Ati kan fayyaa guutuu qabdu maaliif daftee jireenya irraa abdii kutattaaree???
Abdii kutuun Diina milkaa’inaati
“Rakkattee osoo hin milkaa’in hafte yoo ta’e, kan si booda milkaa’u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta’e garuu si dura nama rakkatetu ture.”
■ Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa’uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa’uu danda’a.
■ Ilaali rakkina kee har’aa kana ilaaltee abdii hin kutin!
Diinni milkaa’inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du’aatti yoo ta’e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.
Dhaloonni si boodaa “rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har’a bu’aa isaa jiraanna” siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.
Galatoomaa lammiin Koo hundumtuu


