Seenaa Qabsaa’ota Oromoo Fi Wareegama Kutaa t•• Baqqalaa Lataa Warquu 2011 Mirgi barreessaa seeraan eegamaadha. Kitaaba kana heyyama barreessaan ala, koppii gochuun dhoorkaadha. Maxxansa f84 , 2011 Maxxansa 2fu , 2011 © Sirrina Dogoggoraa Fi Yaada keessaniif, bekeleta2S@gmail.com Lakk. Bilbilaa 0910776181 0930789922 Dhaamsa» Ilmi Oromoo fi dacheen Oromiyaa kun, seenaa tuullaa qabaachuun qorattootaa fi dhaabbilee adda addaan y~roo garagaraatti ifa bahuurra darbee, inni keessa gangalachaa oollu ragaa biroodha. Seenaa fi siyaasni ammoo Xaafii Cidhaati. Yookiin laaqii manaan dhoobani. Kanaaf namni seenaa fuudhee, dhalootatti dabarsuu barbaadu kamuu dursa, odeeffannoo haqaa iddoo seenaan sun raawwatametti argamee, waraabee dhiyeessuu qaba malee, jette jetteen seenaa ajjeesuu hin qabu. Kana yoo hin taane, seenaa awwaaluudha malee kaasuu miti. Dhalootas barsiisuu osoo hin taane wallaalchisuudha. Namni kamuu, barreessaa, qorataa, gaazzexeessaa, xiinxalaa siyaasaa kamuus yaa ta’u, seenaa haqaa dhaloota kanaaf dabarsuu qaba. Yeroon seenaa kana funaanutti, seenaa sobaa nama saalfachiisu danuu argeen of saalfadhe. Yeroo isaa eeggatees ni ba’a . Seenaa Qabsaa’ota Oromoo Fi Wareegama Kutaa 11ra•

hammaachaa deemuushee iyyaa turee fi gubachuu Bosona Baaleef garmalee gaddaa ture, Jaagamaa Badhaaneetitu yaadatama, Jaagamaa jechuun “Muka guddaa” jechuudha. “Badhaanee” jechuun ammoo “Arganne, nuuf kenname” jechuudha. Adoolessa 16, bara 1976 dha. Ijaa fi qalbiin maatii warra carra qabeessaa sun, hillima yaadan rarraatee, ciniinsuu fi miixuu gam lameetiin godaanan. Hunduu akka ayyaana isaatti … , samii ilaalaa yaadan yeelala. Kadhannaa dha. Kan keessa isaatti osoo gumgumu, sagaleen qilleensan jalaa fuudhamee rabsamus danuudha. Sanyiin isaanii walitti dabalamee …. , mucaa dhiigni isaa gootummaan abuurame tokko oofkalan, Jaagamaa tu dhalate. Haala kanaan dirree kanarratti, yeroo garagaraatti … , yeedaloo jireenyaa yeelalaa … , miixatanii, ilmaan dhiiraa Ja’a, Dajanee Badhaanee, Hayiluu Badhaanee, . Olumaa Badhaanee, Warquu Badhaanee, Bokonaa . Badhaanee, Jaagamaa Badhaanee fi Shamara Lama, Jifaaree Badhaanee fi Baqqaluu Badhaanee wal duraa duubaan qubsiisan . Obbo Badhaanee Bashaa fi haadha gootaa, aadde Kabbabuush Xuurii ti. Lafatu eebbifamtuudha. Dachee jiidhaa, godina Shawaa Lixaa, aanaa Amboo, ganda Qulliitii fi Birbirsaati. Gosa gootichaa, Salaalee (Kuyyuti Ammumaa) fi Amboodhaaf ilma· seenaa guddaa tokkotu dhoo’e. Amboo dachee gootaa san! Daa’imni xinnaan dhalate kun, umriidhuma daa’imummaa isaatti gara laafessa, taphataa fi dubbiin isaa kan nama maalalu ture. Jaagamaa Badhaanee Bashaa! hin ta’in, osoo maatii horatee fakkaattiisaa ijaan hin argin, ulfa Oromummaa ciniinsuun baatee umrii ija dargaggummaa sirriitti osoo hin guutiin Oromoof ibsaa ta’ee, ofii haqee, galaa seenaa dhiisee ofi.isaa karaa qabatetu seexaa fi xiiqii ta’ee fuuldura sabasaa daaddisa. Abbaan Jaagamaa obbo Badhaaneen akka carraa ta’ee, harka masaanuu isaatti guddate. Carraa barnootaas dhabe. Kennaa uumamaan qabu, irratti osoo barnoota dabalatee nama jijjiirrama biyyattiif wabii ta’an, ta’uu gochaan isaa ibsuu, maanguddoonni ni dubbatu. Haa ta’u malee, sababa abbaa fi haadha isaa hin beekneen harka masaanuutti guddatee dhiibbaan barnoota dhabuu irratti taasifamee barnoota dhabe. Kanaaf jecha xiiqii qabatanii “Ani yoon hin baratin hafe, ijoolleen koo baratanii haaloo kana bahuu . qab1&”! jedhee ciniinnatee ofii loon keessa ijaajaa ijoollee isaa barsiifate. “Ijoollee koo deemaa sokkaa darbee biyya jijjiira baradhaa! lammii baratetu ofirra akka kootti jaamtanii hin hafinaa” jechaa ture. Jaagamaanis carraa kana argachuun loon tiksuu · dhiisee, yeroo umriinsaa barnootaf gahu, ganda Qulliitii fi Birbirsaa dhiisee obboleessa isaa Hayiluu Badhaanee waliin gara magaalaa · Amboo qajeele. Bara 1987, Mana Barnootaa Amboo Sad. lffaa /Carii/ jedhamutti kutaa lffaa barachuu eegale Obboleessi Jaagamaa obbo Hayiluun “Obboleessa koo barsiifadhee … dukkana keessaa baasee, ‘ifa barii itti agarsiisee……. akka ofii fi biyyasaa tajaajiluuf, adaraa abbaa koo galmaan gaha jedhee, abbaa koorraa fuudhee . Garuu kan naatoo ta’ee … , fuula duraa hanga har’aa sabasaa kuulu … , dhukkubbiin ilmaan Oromoo daa’imummaan keessatti dhalatee, waliin dhiphachaa turee osoo firii hin godhatin, osoo mutee sanyiisaa ija sabasaaf hin hirin, osoo galaanni isaa yaa’ee dhaloota isaaf wabii gaafa kun hunduu jimma jimmiite ….. ta’ee, obboleessa koo osoo hin deebisin hafu, adaraa abbaa koo osoo galmaan hin ga’in nyaadhee hafu, abjuu natti fakkaata” jedhee imimmaan ija guutee, qilleensi sombaa bahu. kokkeetti rakkatee hudhamaa dubbata. Hayiluun obboleessa hangafaa Jaagamaati.. Yeroo baay’ee waa’eedhuma shiraa fi xaxa wayyaanee kana waan hin jaallanneef <D ©

nneen hidhaa garagaraa keessatti dararamaa tureera. Dabni Oromoorratti ta’u isa guba, ni waxala. Hin jaallatu. Argees hin callisu. Osoo hin fedhinillee aariin keessa isaatti bubbisee waxalama. Garuu wayyaaneen waa’eedhuma inni dhiibbamuu sabasaaf gubatuuf qofa, “Ati ABO dha; ABO hin beektuu?, ABO waliin marii qabda” jecliu!-m Maa’ikalaawwiitti mankaraarsaa turan. ABO yeroo kana akka shororkeessaatti ilaalu waan ta’eef. Yoo har’a guyyaan itti lixxee, abbaan biyyaa argamee, akka Jaagamaan jedhe iddoo lixan dhabanii ija jabinaan of jajjabeessan. Of jajjabeessuun warra gaddaa warra gammachuu caala jedhama mitiiree. Obbo Hayiluun bara 2008 Baatii Sadiif Maa’ikalaawwitti yeroo obbo Baqqalaa Garbaa waliin turan, hanga arge obbo Baqqalaa baay’ee ajaa’ibsiifata. Baay’ees jaallata. “Obbo Baqqalaan baay’ee si dhaggeeffata; xinnoo dubbata; baay’ee beekaa; waa’ee biyyasaa baay’ee kan yaaduudha”Jedhee dinqisiifata. Jaagamaan barnootasaatti baay’ee cimaa ture. Barattoota hedduuf fakkeenya ta’aa hanga kutaa saddeettaffaatti manuma barumsaa kanatti barate. Yeroo kanatti diinni isaa guddaan kanneen mirga eenyummaa saba Oromoo gad qaban, mootummaa wayyaanee irra keessi dimookiraasii keessisaa bineensa nyaataa ta’ee … , dhaloota qulqulluu hidhaa fi ajjeesaa, beektota fi hayyoota biyyaa baasaa, kaan Qaallittii fi Maa’ikalaawwitti dararuu fi fixu ture. i Dabalataanis gargaaraa wayyaanee kan ture OPDO n yeroo wayyaaneen kuusaa ilmaan Oromoo Qaallittii fi Maa’.ikalawwiitti tolfatee lammiilee itti qaaccessaa, kaan miila kutaa, kaan gurra duuchaa, kaan kolaasaa, kaan gubaa, kaan ajjeesaa kan tureedha. Jaaganiaa fi warri kun walii diina turan. Dhangaa walii wal jalaa nyaatanii miti. Mirga sabasaaf qofa waan falmatuuf jibbame. Umrii isaa daa’imummaa kanatti bilchinni inni qabu, dubbiin inni dubbatu, hojiin inni hojjatu akka waan uumamni eebbisee irratti cobseeti malee, kennaa guyyaati hin jedhamu. Gochaan isaa hundi iccitiidha. Barataa Oromoo goota, gara kuteessa fi gamna barattoota kaaniif fakkeenya ta’aa tureedha. Sochii barattoota Shawaa Lixaatti dursa taasifame keessatti adda durummaan kan barattoota qindeessaa turee fi kan sabboonummaa Oromoo barattoota keessatti dagaagsaa ture Jaagamaadha. Yeroo kutaa 7ffaa baratu illee mandhee dhoksaa barattootatti ijaaramee kan qindeessaa ture ta’uu isaa hiriyootni isaa har’a hirqinfachaa dubbatu. Jaagamaan beekaa, kan dubbatee nama hin mufachiisnee fi kan namoota hedduu biratti jaallatamuudha. Kana irraa ka’uun barattootni Oromoo naannoo Amboo akka motora sochii isaanitti isa ilaalu. Waan kamuu yoo ta’e, waan kamuu yoo dubbatame, waan kamuu yoo mari’atame,. eenyumtuu murteessuu fi dubbachuun dura “Jaagamaan maal jedhe ….. ?” jedhu turan. Qabsaa’ota Oromoo ciccimoo · garagaraa waliinis wal qunnamee milkaa’ina isaanii· aanjessuuf hojiiwwan garagaraa hojjachaa kan turee fi waa’ee ilmaan Oromoo kanaaf yaaddoo qabullee waliin mari’achaa tureera. Akka obboleessi isaa hangafaa himutti raadiyoodhumtillee waa’ee wayyaanee yoo dubbatu, mana dhiisee ba’a; yookiin “Narraa cufaa” jedha ture jedhu. Hidhataadhuma wayyaanee yookiin humna waraanaa isaaniis karaarratti yoo arge, aariin guutamee onneen isaa ho’ee, hafuura dhahataa ture. Kunis sababuma haqa saba Oromoo osoo agartu daaraa itti dibdee ajaja wayyaanee fudhattee lammii nagaa rasaasaan duguugaa turteef qofa ture. Kanaaf dafee fuula irraa garagalfata jedhan. Yeroo baay’ee jecha saayinsistootaa fayyadama. Akkuma abbaasaa lammii baratu baay’ee kan jaallatuu fi akka barataniif baay’ee kan jajjabeessu ture. © ©

Keessaayyuu daa’imman xixiqqoo barattu karaarrattis yoo arge, “Ijoolle jabaadhaa baradhaa , daa’imni waraqaa adiidha jedhu saayinsistootni, sammuu keessanitti yeroon fayyadamaa” jedhee jajjabeessee bira darbaa ture. Barnoota Isaattis baay’ee cimaa kan turee fi gosa barnootaa kamuu qabxii dhibba keessaa yeroo kamuu dhibba guutuu fidaa kan tureedha. Haaluma kanaan itti fufee bara 1994 kutaa 8ffaa xumuree bara 1995 mana barumsaa Amboo Sad. 2ffaa fi qophaa’inaa gale. Barattoota fi barsiisota isaa biratti baay’ee kan jaallatamu, barsiisaa caalaa barattootas kan barsiisuu fi barsiisaa caalaallee, bamootasaa barattootni akka jaallatan hiriyootni dareesaa yeroo san turan ni himu. Yeroo baay’ee guyyoota hedduu harkisaa boronqii qofa akka ta’es dubbatu. Barsiisota Jaagamaa barsiisan keessaa barsiistuun tokko ijaan hin agartu turte. Barsiistuu kana yeroo hunda kan M/B geessu intalashee baay’ee bareedduu kan taateedha. Barsiistuun kun cimina .Iaagamaa kana yeroo hunda dhageessi. Baay’ee jaallattis Guyyaa tokko akkuma daree seenteen sagalee ol kaastee akkas jetteen, “Aantee Jaagamaa gurraahin samichaaloow; taamiraallee aaluu, waa lijeen bicha” jechuun barattoota kolfa lafarra gangakhite. Dubbiin ishee icdtiidha. “Bamootasaatti baay’ee cimuurra darbee barreeffamni harkasaa illee bareedinni isaa adda” jedha hiriyaansaa dhiyeenyaa Shuumii Dandanaa. Dubbatee nama amansiisa. Bareedinni fuulasaa fi dubbiin inni dubbatu walirraa simboo addaa kenneef. Jechootni inni dubbatu uumamumaan akka miidhagu ta’e. Jaagamaan . duraan daree isaa itti baratu keessaa sad. lffaa gad lakkisee hin beeku ture. Haa ta’u malee, bara 1995 kana barattootni iL.il dareesaa shamarran lama; Rooman Dinquu fi Helen Taaddasaa kan jedhaman Lffaa fi 2ffaa bahanii Jaagamaan 3ffaa bahuuf dirqame. Yeroo kanatti “Akkamiin sad. lffaa bahuu · dide?” jechuun baay’ee aaruun “Bara kana baruumsa hin baradhu; bara dhufu cimee dubbiseen sad. lffaa baha” jechuun xiiqii qabatee baruumsasaa addaan kute. Kun barumsasaatti hangam cimaa akka ta’ee fi hangam akka jaallatu agarsiisa. Bara 1996 ammas, kutaa 9ffaa tti deebi’e. Yeroo kana hiriyaa isaa qabsoon dcdmoo ta’an Shuumii Dandanaa fa’i waliin wal baruuf carraa argate. Barri kun Amboo guutuuf bara qabsoo ture. Barattootni kunneen bara kana qabsoo gaaffii ilmaan Oromoof adda duree turan. Keessumattuu Jaagamaan Barattoota sochoosuun “Hanga gaaffiin keenya nuuf deebi’utti, hanga miidhamni Oromoo dhaabbatutti, hanga wanti dhabne nuuf galutti hin barannu” jechuun sagalee guddistuun lallabaa barattootaf warraaqsa ta’aa ture. Carraa argate kamirrattuu immoo waa’ee faalama qilleensa Oromiyaa osoo hin kaasin hin darbu. Guyyaa tokko walgahii M/B Sad. 2ffaa tti hawaasni bal’aan walitti qabame irratti “Erguma jarri kun dhuftee …. qilleensi Oromiyaa illee faalamee, biyyi keenya gammoojjii ta’aa deemte. Isaan garuu kan yaadan akkaataa’ aangoo isaanii itti tursiifatanii fi siyaasa isaanii itti bareeffataniidha. Akka itti Oromoo hidhan, akka itti Oromoo ajjeesan, akka itti Oromoo luugama gidiraa keessa galfatan ture” jechuun yaaddoo dacheesaaf qabuu fi hojii wayyaanee ifatti dubbate .. Waa’een biyyasaa hirriiba kan dhoorku Jaagamaan yeroo bosonni Baalee gubatu ammoo, turtii yeroo muraasaaf namallee dubbisuu didee, nyaata lagatee qofaasaa calleensan guutamee, yaadan gumgumaa, gubachaa, gadda cimaa gaddaa akka turetu himama. “Yaa biyya koo ni gubatte, si gubanii gammoojjiin nu furu” jechaa baay’ee © <D

Seenaa Qabsaa’ota Oromoo

Seenaa Qabsaa’ota Oromoo

Seenaa Qabsaa’ota Oromoo

Seenaa Qabsaa’ota Oromoo

https://odaamarket.com/indigenous-peoples-rights-international/

Sochii dargaggootni qabsaa’otni kunneen taasisaniin bara 1997 kana filannoo tureen KFO n godina Shawaa Lixaa aanaalee hedduurratti moo’achuudhaan namootni baay’eenis paarlaamaa galuu danda’aniiru.

Scroll to Top