Seenaa Itoophiyaa beekuun gaariidha

Seenaa Itoophiyaa kana dura beeknurraa karaa biraan yoo ileelle immoo biyyi Itoophiyaa jedhamtu jaarraa soddomii shaniin dura jechuunis waggaa kuma sadi’ii fi dhibba shanitti kan tilmaamamu bara Ayyaantuun saba Israa’el Museen Kitaaba qulqulluu barreesse keessa maqaan kun barreeffamee jira. Inni kun ifa ta’uun waan irra jiraatu natti fakkaata. . Kutaa Kitaaba Qulqulluu keessaa kitaabota maraman qulqullichi Museen barreesse akka beektonni macaafaa jedhanitti kutaawwan gara jalqabaa shananidha. Isaanis Seera Uumamaa, Seera Ba’uu, Seera Lewwootaa, Seera Lakkoofsaa fi Seera Keessa Deebiiti. .Ethiopia.com Yeroo jalqabaaf Kitaabni qulqulluun Museen barreeffame afaan Hibruu (Hebrew) yeroo ta’u, bara inni itti barreeffames dhaloota Kiristoosiin dura waggaa kuma tokkoo fi dhibba shanii haga kuma lama ni ta’a. Kana jechuun hanga guyyaa har’aatti yoo tilmaamame ganna kuma afuritti siiqa jechuu dha. Mee tokko tokkoon gadi fuunee haa ilaallu. . Waa’ee hiikkaa jechoota Kuush fi Itoophiyaa beekaan Macaafaa Onesmoos Naasiib namni biyya Oromoo kan kitaaba qulqulluu yeroo duraaf afaan Oromootti jijjiiran akkana jechuun hiiku. “Itoophiyaa jechi jedhamu afaan Israa’el/Hebrewitti Kuush jedhama. Itoophiyaa jechuun afaan Giriikiitti biyya saba magaalaa yookiin biyya nama fuula gurraachaa jechuu dha.” “Kitaaba qulqulluu keessatti iddoo danuutti Kuush jedhame. Akkuma biyyoonni Gibxii, Sooriyaa, Saabaa, Baabiloon maqaa isaaniitiin waamaman kunis Kuush jedhamee waamama. Kakuu Moofaa yookaan Kitaabni qulqulluu dhaloota kiristoosiin duraa waggaa dhibba lama Afaan Ibrootaa irraa gara afaan Giriikiitti yemmu hiikamu iddoo baay’eetti Itoophiyaa jedhamee hikame” Jedha. . Kanaafis Kitaabota qulqulluu afaan Ingilizii versionii garaa garaan katabaman ilaaluu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun afaan Ingilffaan katabaman gosa baay’ee yoo qabaatanis isaan keessaa muraasa kaasnee ilaalla. Akka fakkeenyaatti Kitaaba qulqulluu afaan ingilizii keessaa kallattiin afaan Girikii irraa kan hiikame “King James Version” yoo fudhanne jechi Itoophiyaa jedhu si’a soddomii saddeet keessatti argama. DabalataOrobest.com

Scroll to Top