Seenaa gooticha Abdiisaa Aagaa

Yeroo umuriinsaa 12, Abbaan Abdiisaa obboleessa isaa ajjeessee mana hidhaa gale. Abdiisan kana ol iyyatee abbaasaa gadi lakkisiisuf gara Finfinnee yoo deemeyyuu, abbaansaa dhumaratti murtii du’aatin ajjeefame. Kanaan gaddee fi aaree, Abdiisan umurii 14tti Waraana Itoophiyaatti dabalame. Bara 1932, Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenee waraana barachuun ajaja-kudhanii ta’uun eebbifame. Yeroo waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa qabatu Abdiisanis waraana kanarrati loltuu ta’ee hirmaatee ture. Hiryootasaa wajjini diina Wallagga qabate buqqisuuf gara Wallaggaa deeme. Boodarras hiriyootasaa du’arraa hafan 30 wajjin booji’amee jalqaba Jimmatti hidhame. Hiriyootasaa wajjin ji’a tokko booda Jimmarraa gara Finfinneetti dabarfamanii ji’a lama hidhman. Ji’a lama boodas mana hidhaatii gadi lakkifaman. Bara 1936, Giraaziyaanitti boombin darbatamee waan madaayef, Abdiisaan namoota 42 wajjin qabamee karaa Mitsiwwaatin gara Moqaadishoo Abdisa.comgeeffamuun achitti hidhaman. Namoota Abdiisaa wajjin Hoolotatti baratan keessa nama 18 erga ajjeesanii booda, namoota 30 hafan Xaaliyaanii geessanii mana hidhaa kuusaa odola Sisilii keessatti aragamutti hidhame. Achitti Kapiteen Juuliyoo, goota Yugozilaavin wal bare.[1]Seenaa gooticha Abdiisaa Aagaa

Mana hidhaattis Abdiisaa fi Kapiteen Juuliyoon michuu ta’an. Waliinis mana hidhaa keessaa badanii miliqan; isaan wajjin hidhamtoota 10 ol ta’an fudhatanii bahanii bosonalatti galan. Guyyaa muraasa booda mana hidhaa sanatti geggeessummaa Abdiisatiin alkan deebi’an; Abdiisaa Xaaliyaanonni hedduu soodaatu turan. Abdiisan eegdota mana hidhaa sanaa hudhee ajjeese. Itti aansun Juuliyoo wajjin uffata eegdota mana hidhaa sanaa fudhatanii uffatan. Meeshaa waraana eegdota sanaas qabataii eegduu mana hidhaa sanaa fakkaachun karrarraa dhaabbachuu jalqaban. Abdiisaa fi Juuliyoon buufata sana keessa seenun hidhamtoota hunda gadi lakiisan, qondaaltota Xaaliyaanii buuftana sana keessa jiraniin wal waraananii meeshaa isaanii fi rasaasa saamanii, konkoolattota meeshaa waraanaa fe’an booji’anii gara bosonaatti deebi’an. DabalataOrobest.comSeenaa gooticha Abdiisaa Aagaa

Scroll to Top