Seenaa Abbichuu bayyanaa muraasa
===============
– Lammummaan biyya tokkoo bakka jireenyaa,dhalootaa fi hidda dhiigaan kennamuu danda’a.
– Lammummaa biyya tokkoo qabaachuuf yoos eenyummaan nama sanaa sabdaneecha (sabdaneessummaa) biyya sanaa keessatti akkamiin ilaalamuu danda’a ?
Oromiyaa keessatti immoo Gadaan Oromoomaa har’a “Ormoomuu” kan fedhan danuudha.Yaadaa fi ilaalcha kana kan gabbisan ammoo barreeffama Dr Nagaasoo Gidaadaatii qabee kanneen abalu Oromoodha abalu miti jechuun qomoo Oromoo Gadaan Oromoomsee Ormoomsuu isaanii irraa namooti Oromoomanii turan kunniin eenyummaa isaanii isa dhugaa fi dhiigaa barbaaduun hin hafne.
Fakkeenyaaf namni tokko (Odoo Oromiyaan biyya taatee) Lammummaa Oromiyaa qabaachuu ni danda’a jenna.Lammummaan isaa ammoo dhiigaan Oromoo odoo hin taane jechuudha. Eenyummaan isaa kun sabdaneessa harka caalaa tahe Oromoo Oromiyaa keessaa kan guddaa tahe kana biratti akkamiin ilaalama yaada jedhu qabaata jechuudha.Seenaa Abbichuu bayyanaa muraasa
Keessummaa baroota durii qabee eenyummaa isaanii isa keessoo Internal fi External irratti namooti wal falmaa turani.Yaada kana irratti Francis Fuyuma akka jedhutti namni tokko eenyuyyuu odoo hin taane kan keessoon isaa isatti himudha jedha.
Yaada kana muticulturalism irratti Britain Musliima biyya sanaa fi saboota biyya ishee keessaa akkamiin lammummaa laattee fi nageenya biyya ishee eegsisuuf kan irratti hojjechaa turte yeroof kan lafa hin qabanne hin ture.Seenaa Abbichuu bayyanaa muraasa Abbichuu.com
Kunis tahuu kan danda’eef adeemsa biyyattiin nageenya ishee itti eegaa sabxiqqeeyyii (minority groups) itti tiksaa majority groups warreen tahan Sab-guddeecha wajjin akkaataa itti bultu akka itti tolchite yaada wal falmisiisaa ture.
Maarree Oromiyaan biyya tahuuf qabsoo hadhawaa taasisaa jirti.Kanaaf, haalli itti lammummaa,eenyummaa fi sabdaneessummaa kana wal cina akkaataa Sabdaneeyyii Oromiyaa tana itti fudhattee tarkaanfattu irratti yaaduu qabdi.dabalataOrobest.com


