Namoonni baayyeen waan jedhan

ta’a ykn ta’uu ni danda’a jedhanii amanuu dha4. Namootni baay’een waantotni isaan akka isaaniif ta’uuf fedhanii dalagan, akkasumas amalli isaan calaqqisiisan baay’een isaa amantaa isaanii irratti hunda’a. Taateen kun ammoo kan mul’isu, ilaalchi namootni waantota garaa garaaf qaban baay’inaan kan maddisiifamu mantas isaan qabaniin ta’uu isaati. Ilaalchi amantaan maddisiifaman kunniinis akkuma garaa garummaan amantaa, amantaalee gidduu jiru hundaa, ilaalchis gargar ta’uu mala jechuu dha. Fakkeenyaaf; Namni amantaa Kiristaanummaa hordofaa ture

tokka yoo amantaa isaa gara Google.comIsilaamummaatti jijjiirrate, ilaalchi isaas akkasuma ni jijjiirama. Kana jechuun ammoo namni sun yeroo Kiristaanummaa hordofaaa ture sana, waantotni inni gaarii akka ta’anitti ilaalaa ture, ilaalcha Musiliimummaa isaatiin akka gadhee ta’an, akkasumas kanneen inni akka waan gadhee ta’aniitti ilaalaa turemmoo gaarii ta’anii itti

Namoonni baayyeen waan jedhan dabalataOrobest.com

===NAAF GAMMADAA====
“Hiriyyootnii fi maatiiwwankoo akkasumas jaallattoonnikoo naaf gammadaa. Baankiin keessaa hojjechuuf durii kaasee barbaadaa ture guyyaa har’aa kaasee hojiidhaaf qacarameera. Taankiyuu maay Gaad” ” jettee loogoo baankii sanaa suurakee waliin post goota.
Hantuunni farroofte qara qottoo arraabdi jedhan. Gaafa si farreessu atis post godhatta bankerii ta’uukee…
Hiriyyootnikee hunduu baga gammadde jedhee koment, share, like siif godha. Inni kaanimmoo post yyuu siif godha. Kaanis story irra si godhata. Fatheriin biyyaatii “ilmikoo baankerii ta’e kuma 18 nyaata, bagan dhalche, sichi ilmikoo na koorsa” jedhee ollaatti odeeffata.
Haatikee dubartoota ollaatti “Dibichikoo hojii argateera. Sichi zayitii jarkaaniidhaan bitachuun, buna qun’aadhaan, qullubbii kuntaalaan bitachuun amma” jettee siin dhadatti.
Atis karabaatiikee dirattee, karaarraa deemtee buukii banatteettaa? Jechuu jalqabda. Hojii jalqabde jechuudha. Hanga Miindaan ji’aa siif galutti namarraa liqeeffattee mana kiraayiikee kanfalatta. Asbeezaa ji’aas liqiimaan bibbitatta.

Jiini gahee gibirrii, sooramni fii wantoonni gara garaa irraa ciccitee miindaan kumni 11 ykn 10 siif gala. Mana kiraakee kutaa xiqqoo tokko 5000 (5k) kanfaltee, Azbeezaa kee bibbitattee, kaardiif saamunaa tiranspoort, akkasumas biddeen gogaa bitachuuf birrii 3000 (3k) siif hafa. Liqiin akkuma jirutti ji’a itti aanutti darbe.
Jiini 2ffaan gaafa dhufu ammas waciin isuma sana miindaan isuma sana. Jiini 3 darbee 4, 5, 6nis darbanii jia 7ffaakee miindaan siif gala. ammas jijjiiramni hin jiru.

Abbaankee biyyaatii sitti bilbilee “xaa’oon baayee dabale, lafti qotamee lafa bahuufi” siin jedha. Haatikees bilbiltee “Zayitiif sukkaarri muka yaabe, kunoo bishaan qullubbii nyaachaa jirra, zayitii cobsaan tokko mana hin jiru” siin jetti. Hiriyyootnikee dura story irra si godhachaa turan dhufanii manakee torban 1 fi 2 sibira bubbulanii beeksisa hojii barbaaduu jalqabu. Obboloonnikee sii gadii mobaayilii naaf biti kophee naaf biti jedhanii ganamaaf galgala si cinqu. Yaadigaa ati liqii namaayyuu ofirraa hin deebifne. Utuu kana hundumaa yaadduu maamilaa baankii kee keessummeessaa oolta waan ta’eef tasa dogongortee 2,000 namaaf kennuutti 20,000 kennita, 3,000 kennuutti 30,000 kennitee, baankiin sirratti odiitii godhee miindaakeerraa kutuu jalqaba.

Amma ittuu sammuun si badee utuu baasii(konkolaataa) keessa teessee rakkookee lakkooftuu bilbilakee hattuun borsaadhaa si fuuti. Bilbila guddaa (touch screen) waan ittiin bitattu waan hin qabneef taq taq itel kee bitattee fayyadamuutti kaata. Simcard isa duraa baasuurra jettee Simcard namni hin beekne haaraa baafattee, hafuurakee dhokfattee jiraachuu jalqabda.

Hundumtuu bilbilakee tumee tumee dadhabee itti dhiisa. Maatiinkee garuu yookiin duutee sin owwaallanne yookiin jira jedhee sagaleekee hin dhageenye. Waggaa 5 guutuu si eeganii dadhabanii, lafa isaan abdii kutatanitti akkuma nama baadimmee dhaqee galeetti, Waggaa 10 booda mataan si molaa’ee ijoollee 2 fi jaartiikee wajjin gara biyyaa galta. Maatiin nama biraatu dhufe jedhanii si baqachuus, lakki ilmuma keenya jedhaniis si simachuus danda’u. Isa isaantu beeka.

Kanan jedhu garuu: biyya kana keessa teessee nan miindeffame minaamin jettee post gootee harkaan abidda hin qabatiin. Miindaankee utuu guyyaatiin siif qoodamte 200 ykn 300 dha. Waciinkee guyyaatti 500f isaa oli. Yoo dandeesse Buseness xiqqoo jalqabiiti naaf gammadaa jedhi.

Wiixata wiixata dubbadhu dubbadhu na godha naan!
galgalaanimmoo hirbaata malee akkan sinin bulchine aarii sinitti kaasee…!

Aga Gemechu yoo follow gootan gorsa kana fakkaatu toluma argattu…

Scroll to Top