Milkaa’inni kan dhumaa mit
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▶️ “Ol ka’iinsa kee kan murteessu dandeettii kee osoo hin taane ilaalcha keeti”. Zig Ziglar

▶️ “Milkaa’inni kan dhumaa miti, kufaatiin kan nama ajjeesu miti, kan lakkaa’amu ammallee itti fufuu dha” Wuniston Chunchil

▶️ “Boru dhugoomsuudhaaf, daangaan shakkii keenyaa har’a qofa”. Firaankiliin D. Milkaa’inni kan dhumaa mit

▶️ “Milkaa’inni quuqama tokko malee kufaatii iraa gara kufaatii gufachuu dha”. Winistoon S.

▶️ “Yeroon kee daangeffaa dha; jireenya nama biraa jiraachuun hin qisaasessin”  Isteev Joobs

▶️ “Milkaa’inni hangam akka ol baate osoo hin taane, addunyaa kanaaf jijjiirama akka fidduu dha”.  Rooyii T.

▶️ “Bakki milkaa’inni dura itti dhufu, galmee jechootaa qofa”. Viidaal

▶️ “Hojii guddaa hojjachuuf karaan jiru, waan hojjattu jaallachuu qofa”.  Isteev Joobs

▶️ “Garaa garummaan nama milkaa’aa fi namoota gidduu jiru, humna dhabuu osoo hin taane, beekumsa dhabuus osoo hin taane fedhii dhabuudha”  Viins Loombardii

@Gaggeessummaa ✅Milkaa’inni kan dhumaa mit. ✅Sammuun keenya garaa keenya caalaa beela’a, Milkaa’inni kan dhumaa mit

➡️Sammuun soorata yeroo yerootti argachuu fedhu qaba,
👉Sammuun soorata barbaachisaa hin arganne,
√Hin quucara,
√Madda yaada gaarii ta’uurra kan yaadota faallaa maddisiisu ta’a,
√Bu’aa gaarii argachuuf jiraachuurra, madda summii badiisaa facaasu ta’a
√Waan qabuuf waan hin qabne gargar baasee hin hubatu, dhabuu qofa lakkaa’aa,

✍Walumaa gala sammuun soorata gaarii dhabee agabaa’e madda rakkooti.

➡️Sammuu kee soori haa guddatuu,
•leenjisi yaadota gaariidhaan,
•dubbisi kitaabota isaaf malu,
•Albuuda qarshii kamiin hin tilmaamamne of keessaa akka qabdu hubadhu,

☀️ Ganama Kana Maaliif Hirriibaa Kaate?
▬▬▬▬▬▬▬▬
🌐 “Yeroo hundumaa ganama hirriiba irraa yommuu kaatu, guyyaa gaarii Waaqayyo siif kennetti dhimma bahuuf qophoofta!” Waaqayyo isa nagaan si bulche, guyyaa dabalataa siif kenne immoo galateeffachuuf dursa ni kennitaaree? Akkuma hirriiba irraa kaateen maal hojjetta?

📑“… Ani barii lafaa nan dammaqsa! Ani namoota keessatti sin galateeffadha, yaa Waaqayyo saba lafa irraa keessattis faarfannaadhaan sin jajadha!” (Far. 108:1-2)

🥇 Oolmaan keenya gaarii akka nuuf ta’u, milkaa’ina guyyicha keessatti argamu qooddachuuf, Waaqa guyyaa kana nuuf kenne, qajeelchaa keenya godhachuun yeroo hundumaa ganamaan kaanee galateeffachuun nurra jiraata. Ati maaliif hirriiba irraa kaate? Facebook, Telegram yookiin Miidiyaa hawaasaa kan biroo bantee ilaalufii? Maal hojjechuudhaaf dursa kennita?

✍️ Namni beekamaan tokko akkas jedhee barreesse, “Yeroo hundumaa Waaqayyoon keenya ganama kaanee kan ija keenya itti banannu dha. Afaan bule kan Waaqayyooti. Ganama utuu simbirroon hin wacin; hirriiba irraa ka’ee Waaqayyoon galateeffachuufan afaan saaqadha. Uumaa koo waliin nan haasa’a! Waaqayyo milkaa’ina kooti! Ganama utuun Waaqayyo waliin hin haasa’in hojii tokkollee hin hojjedhu; ‘even’ haadha manaa koo kanan waliin buleyyuu utuun hin dubbisin dura, uumaa koo waliinan dubbadha!” Dhugumayyuu Waaqni keenya ganama kaanee kan ija keenya itti banannu dha. Afaan bule kan Waaqayyooti!

✅ Ganamni gaariin Milkaa’ina guyyaa guutuuf sababa jalqabaati

Orobest.comhttps://t.me/Saayikoloojii1/899

Scroll to Top