Manni Maree Ministeerotaa Wixinee seera lammilee biyya biroo mirga abbeentaa lafaafi qabeenyaa gonfachiisu, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dabarsuu “Ethiopia Insider” gabaase!
Bu’a qabeessummaan wixinee seera kanaa hangami? Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisuun qabxiilee eeraman keessaa kan akkaan qalbii koo hawwate “rakkoo mana jireenyaa lammileen qaban ni fooyyessa; kunis abbootiin qabeenyaa biyyoota biroorraa dhufan misooma ijaarsa manneenii(real state) irratti bobba’uudhaan ni mirkanaa’a” kan jedhudha. Kan biraa ammoo “carraa hojii bal’aa ni uuma”kan jedhus ka’eera!
Eeyyeen qabxiin kuni namoota rakkoo mana jireenyaa qabaniif oduu gammachiisaa fakkaata! Ta’us garuu, manneen jireenyaa waliinii(real state) baay’inaan ijaaramu qofti rakkoo kana tasumayyuu hin furu. Haala qabatamaa amma jiruunis, manneen jireenyaa (real state) hedduun ijaaramaafi beeksifamaa jiru. Haata’u malee, warri bitachuuf humna qabu namootuma kanaan dura manaafi dinagdee giddugaleessa qabanidha malee kanneen galii gadi aanaa argatanii miti! Akka gabaasni UNDP Multi-dimensional poverty bara 2023 mata duree “Unstaking Global Poverty: data for high impact action” jedhuun bahe addeessutti, lammilee Itiyoophiyaa keessaa 68.7% kan ta’an galii gadi-aanaa argatu!
Warri kunis ramaddii hojjattoota hiyyeeyyii (the working poor) jalatti kan ramadaman yoo ta’u, manneen real state gatiin isaanii iskuweer meetirri tokko qarshii 88,000-160,000 ta’an bitachuun hafee guyyaatti al-sadii nyaatee mana kiraa qarqara magaalaatti bahuun kireeffachuun kanfalee jiraachuun daran itti cimeera! Dhuguma, abbootiin qabeenyaa biyyoota biroorraa dhufanii ijaarsa manneenii (real state) irratti bobba’an kunneen rakkoo mana jireenyaa lammileen qaban furuuf kan yaadame taanaan, mootummaan dhimmicha keessatti giddu-seentummaan qooda fudhata jennee abdanna!
Kunis:-
- Galii lammilee karaa ittiin fooyyessuun danda’amurratti hojjachuu
- Kaampaaniiwwan ijaarsa manneeniirratti bobba’an kunneen gatii lammilee hunda giddu-galeessa godhateen(affordable prices) akka gurguran gochuu
- Mootummaan haala ijaarsaafi gurgurtaa manneen kanneeniirratti qooda fudhachuun lammilee deeggaruun subsidiary gochuufi kanneen kana fakkaatan taasisuudhaani!
Gama biraatiin ammoo, dubbiin carraa hojii uumuus lammilee biyya keenyaaf oduu gammachiisaadha! Ammallee, sodaan kiyya, dhaabbileen kunneen akkuma dhaabbilee biyyoota alaafi biyya keenyaa kanaan dura rakkoo hojii dhabdummaa sadarkaa biyyaatti jiru akka carraatti fayyadamuun humna lammilee qisaasessaniif utuu furmaanni hin kaa’amin kan biraa fiduun sanuma hammeessa isa jedhudha. Lammileen keenya hedduun qarshii baay’ee xiqqoo (guyyaatti qarshii 100-250) hin caalleen humni isaanii qisaasa’aa, fayyaan isaaniis balaarra bu’aa turee ammas itti jira! Kunis dhimma ijoo itti yaadamuu qabudha jedheen abdadha!
Kuni ta’uu baannan, lammileen keenya hedduun manas biyyas walumaan dhabu sodaa jedhun qaba!
Manni Maree Ministeerotaa
https://meelbaa.org/ethiopias-tax-policy-fostering-voluntary-compliance-and-economic-growth/


