Maan bulti Oromo tuulamaa ykn caffee
Awash malka balloo keessatii sadeettan
tulluu waaqaa iddoo seenaa-qabeessa FI
Bakkee Amantaa waaqeeftaatti.
Iddoo kana oromooni yeroo sanii dhal Amma jiru kanaaf hambaa seenaa kana
Dabrsuuf wareegama qaali baasani jiran.
Mootummoota Abisinya fi warreen humna Amiroota Adal wajjiin iddoo kanatti yeroo hedduu walwaraanani jiran.
Keessatu iddoo sadeettan tulluu waaqaa
Keesaa Lola tulluu cuqqaalaa Qabachuuf
Waraani Abissiniya kan Atse gelawdiosin
hoganamufi HUMNA Amir nuur jiddutti
Gageefameen Atse gelawdios akka ajjeefame niyaadatama.
Achii booda loltuun Oromo July 1559ti
Amir nuur injeefachuun nannoo tulluu
Cuqqaalaa walaboomsan.
Dubii tanaratti Asten gelawdios ammallee
Nannoo Adamatti awaalame jira.Maan bulti Oromo
- hubannoodhaaf:-
Sadeettan tulluu waaqaa
1-tulluu cuqqaalaa
2-tulluu erar
3-tulluu foorii
4-tulluu galaan
5-tulluu waaqaa dalachaa
6- tulluu fooyata
7-tulluu wacaqqee
8-tulluu egduu.
Tulluun cuqqaalaa nannoo bishoftuti
Argamtti. Tulluu cuqqaalaa mata gubba
Haroo cuqqaalaatu argama.
Oromoon tuulamaa irreech tulluu
Yeroo gani seenu haroo cuqqaalaa kanatti ireefatan.
Tulluu cuqqaalaa magaala bishooftu cinnatti argamtti.
-Suuraa haroo cuqqaalaa.
…/###/
https://t.me/boost/etbisahusen
@etbisahusen
Yoom na dhiiste takkaa?
Anatu yaadan labee
Qe’ee ormaa roora’a malee
Wanta yartuun siin Wal dhabee
Lafa sitti dhiita mana alagatti galee
Akka waan na hin oollee
Oolma kee kitila ukkaamsee
Dhiyaana kee maaddii guutuu aalee
Hambaa Gola ormaa faarse
Bakkuman deemetti salphisee
Idduma alleetti maqaa kee nyaachaa
Ulfina qe’ee keeti dhiisee
Loogu irraan jaawware salphina barbaacha
Malee ati maal natti hanqistee
Mee maaluman dhabee Abbaa koo Si biraa
Na guddiste malee qanansiistee
Wanti didaa hin jirre hunduu mana kee Jira
Anumatu quufee, quufan machaa’ee
Hidhata badee, allagoolatti michoomee
Itti shooguu isaanitin bullaa’ee
Mana keeti bade gorsaa isaanin gowwomee
Waan ati hin jaallannee faarsuuf
Waan Si gaddisisuu meeqa marqee
Akka hidhata kooti gamnuudhan dursuuf
Utuun itti hin yaadin karaa sirri irraa maqee
Allayyaattin of argee
waan hundan buusee qullaa
Narratti Wal furee wargee
Inni ati Nan jettees ilaa
Yerichas anatu Gane malee
Ta’uu Koo, mucaa kee jilbaa
Firooma mana keeti aalee
Gudunfadhee malee siif jibba
Ati yoom aaltee abbummaa kee tasa
Ilma Koo miti ati Nan hin jenne takkaa
Waan beektuf aleelte Akka Akka isaa
Jaalalli kee xiqqoo illee hin mixxiqnem bakkaa
Ergaan sin diinomes filadhe alagaa
Ergaan sokkee ba’ee argama kee jalaa
Na jibbuuf raawwatte natti hin goonee daangaa
Yerichaas na eegda narraa hin murannem garaa jaalala
Gaafan deebi’uu gaabbee boquu buusee
Utuu natti hin lakkaa’iin badii Koo durii
Situu dursee angafee gaabi narra buuse
Barruu kee qulqulluun narraa dhiqee xurii
Yeroon sirraa fagaadhees Si dhiise
Yeroon Si jibbee Sirraa bade bakkaa
Dhufa Koo eega iji kee qisee
Ana malee ati yoom na dhiiste takkaa

