Iloon maask Fi Ilmaisaa
Erga Pirezidaanti Doonaald Tiraamp biliyeenaraan kun kutaa gahumsa mootummaa haaraa hoogganuudhaaf labsee ijoolleensaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti yeroo baayyee mul’achaa jiru.
Roobii darbe ilmisaa kan ganna afurii, “Lil X”, Tiraamp fi abbaa isaanii waliin kutaa Pireezidantiin keessa taa’u- Oval Office keessa ture.DabalatGoogle.com
Kamisa ammo yeroo abbaansaanii ministeera Indiyaa Naareendiraa Moodii waliin waa’ee teeknooloojii fi kalaqa irratti mari’atan, X fi obboleeyyan isaanii lama hogganaa biyya alaa kana waliin kennaa waliif kennan.
Maaskiin gara Waashingitan dhufuu isaa durallee ijoollee isaa waliin yeroo baayyee mul’ateera.
Walgahii Pirezidaantii Turkii waliin taa’ame irratti, sirna yaadannoo kaampii hidhaa Auschwitz, fi sirna barruulee Taayim bakka inni bara 2021 nama waggaa ta’uun badhaafame irrattis.
Garuu ijoolleen Maask maaliif isa waliin deemu?
Maaliif ijoollee fida?
“Ijoollee waliin mul’achuusaa sochii siyaasaa ilaacha uummani isaaf qabu jijjiruuf kaayyefate. Kunis Iloon nama akka fakkaatu gochuuf.” jedha Kurti Biraadok, Yuunivarsiitii Ameerikaatti Piroofeesara qunnamtii ummataa kan ta’e/
Haata’u malee Iloon ilmsaa X kutaa Pireezidantiin keessa taa’u- Oval Office fiduun waan hin baratamne jedha Piroofeesaran kun
X appeared bored during the 30-minute press briefing as he mimicked his father, sat on the floor and received the occasional side glance and smile from the leader of the free world. At one point, it appeared he told someone in the room to “shush” their mouth.
Ibsa gaazexeessitootaa daqiiqaa 30 fudhateen X nuffee ture. Yeroo san abbaasaa fakkeessuudhaan, lafa taa’uu fi taphachuun dabarse. Yeroo tokkotti, nama kutaa san keessa tureen ‘afaan kee cufi’ jedheen.
Daa’ima kana fiduun waan itti yaadame ta’uu amana Biraadok. Waan yaada namaa hihhiruuf godhan, kunis Maask fi Tiraamp kan fayyadu jedha.
Gorsaa komunikeeshinii tarsiimoo kan ta’an Joon Habaar kan duula filannoo pirezidaantummaa shan waliin hojjatee fi Havard keessatti barsiisa ta’e, ijoolleen Maask yeroo baayyee mul’achuun, Tiraampiif faayidaa qaba jedhan.
“Tiraampif, jeequmsi baay’ee hojjeta. Yeroo jeequmsa akkanaa uumu namoonni waan inni gochaa jiru irratti xiyyeeffachuu hin danda’an.” jedhan Habaar.
Girayims, jaalalleen Maask duraanii fi haati X, ilmi ishee waajjira Tiraamp keessatti mul’achuu isaa qeeqxe.
“Akkasitti ummata duratti mul’achuu hin qabu” jettee X irratti barreessite “Kana hin argine⦠garuu safuu qabaachuu isaatti gammadeera.
Bara 2022 barreeffama Vaanitii keessatti ilmi ishee ummata duratti mul’achuu akka hin jaalanne dubbatteetti.
“Rakkoon maatii yoo jiraates, ijoolleen keessaa jiraachuu hin qaban. X garuu waan hunda keessa jira. Iloon akka dhaalaa isaa waan arguuf waan hundumaa irratti fidaa jira jedheen yaada.” jette
Ijoollee Iloon Maaskii fi haadha isaanii dabalataOrobest.com


