Hubannoofi gorsa maralaalummaa hin qabne: Namoonni hundi daldalaafi enterpreneur ta’uu ni danda’uu?

Biyya keenyatti yeroodhaa gara yerootti hojjattoonni mootummaa(civil servants) haala kanfaltii mindaarratti gaaffii kaasaa turanii ammas itti jiru. Kunis, kanfaltiin dhaabbilee hojii mootummaatti taasifamu, dhiibbaafi humna hojichaaf baafamu akkasumas haala qaala’insa jireenyaa waliin kan walsimu miti jechuun sababa isaanii dhiyeeffatu. Gama kaaniin ammoo biyyi keenya, akka biyyoota biroo hammamtaan kanfaltii gadi aanaan(minimum wage) ji’aanis haata’u guyyaan yookiin sa’aatiin seerri itti tumamee raggaasifame waan hin qabneef humni lammilee akka malee dhaabilee mootummaafi miti mootummaatiin qisaasamaa oola.

Fakkeenyaaf, warshaaleen adda addaa kutaa biyya keenya garagaraatti ijaaramanii jiran humna lammilee biyya keenyaa akka malee qisaasessu. Kanfaltii guyyaa qarshii 50-100 kanfaluun halkaniifi guyyaa dabareedhaan hojjisiisu. Yoo gaaffii daballii mindaa kaasan kallattiin hojiirraa hari’amu; baay’inni hojii dhabeeyyii hedduu waan ta’eef hojjataa dhabnaaf hin yaadda’ani; seeraan nu gaafatuufis hojjattoonni kunneen akka humna hin qabne waan beekaniif huubatti hin dabalani! Kana kan to’atu komishiniin jiraatuus hojiirra hin jiru!

Gara ijoo dubbii kootti yoon deebi’u, tibba kana ogeeyyiin fayyaa muummee adda addaa gaaffii armaan olii dabalatee gaafiiwwan bu’uuraa muraasa gaafachaa jiru. Wayita kana garuu, deebiifi gorsi namoota dhuunfaas dabalatee qaamolee mootummaa tokko tokkoorraa kennamu xiqqoo loojikii waan qabuu miti! Kaan inumaa, bifa tuffiifi arrabsoo of keessaa qabuun wayita baacan argina! Gorsa kenname keessaa kan gaarii fakkaatu garuu maralaalummaa hin qabne “qacarameen mindaadhaan qabeenya horadha jettee hin yaadin; yoo qabeenya horattee jireenya qananii jiraachuu barbaadde, hojii qacarrii dhiisii daldalaa, dallaalaa, tiktookariifi yuutuubariiโ€ฆminamina ta’i”jedhan fa’itu jira.

Yaadni kuni waan guguddoo lamarraa madda jedheen amana! Inni jalqabaa gaaffiilee hojjattootni kunneen gaafatan bu’uurarraa hubachuu dhabuudha. Gaaffiileen hojjattootni kunneen gaafatan waa’ee sooromuufi jireenya qananii jiraachuu utuu hin taane, waa’ee bu’uura jireenyaati! Kan ana dabalatee isaan jedhan, waan hojjannuuf gatiin dhamaatii keenyaa kan mana kiraallee kanfalannee (bitannee yookiin ijaarrannee hin jennee beeki), asbeezaa mana keessaa ji’aa hanga ji’aatti bitannee guyyaatti al sadii nyaannee jiraannu, bultii ijaarrannee ijoollee horree ittiin guddisnee barsiifannuufi dhukkubsannu ittiin yaalamnu nuuf haa kanfalamu jedhani! Kuni biyya kamii gaaffii soorummaafi jireenya qananii ta’ee beeka! Abadan! Yookiin gabaa tasgabbeessaa, yookiin ammoo kanfaltii gatii dhamaatii koon walgitu naaf kanfalaa jechuun mirga!

Rakkoo inni lammaffaan ammoo haala waliigalaa biyyaa wallaaluudha. Akka namoonni gorsa kennan kunneen jedhanitti namuu qacarrii dhiisuun business dhuunfaa hojjachuu qaba. Biyyi tokko ammoo tajaajila adda addaa(kan mootummaas ta’ee dhuunfaa) kennuuf namoota ogummaa adda addaan hojjatan qabaachuu qabdi. Tajaajila wal’aansaa, baankii, geejjiba(kan gosa kamiituu), mana murtii, humna ibsaa, bishaan, giddugala daldala meeshaalee, bulchinsaafi nageenyaafi kkf iddoowwan namoonni dhuunfaan of tajaajiluu hin dandeenye, kan ogeeyyiin qacaramuun ummata itti tajaajilaniidha! Walumaagalatti hundi daldalaa yoo ta’e maamilli eenyu? Hundi abbaa hospitaalaafi kilinikaa yoo ta’e tajaajilamaan eenyu? Inveestarayyuu yoo taate dhimma lafaa, ibsaafi bishaan dabalatee tajaajila biroo eenyutu siif kenna?๐Ÿ™„ Abjuu dhiisi #bazgaabeer๐Ÿ˜…

Kanas ta’ee sana, namoonni qacaramanii ummata tajaajilan har’as ta’ee boru inuma jiraatu. Ijoon dubbii garuu qacaramee mindaa argatuun namuu wantoota bu’uura jireenyaa kanneen akka nyaataa, uffataafi mana jireenyaa guuttachuu qaba! Mootiveeshinaal ispiikaroonni hundumti namaa daldalaafi dallaalaa ta’uu qaba jettanis tasgabbaa’aa

Barnootaafi ilaalcha hawaasaa!

Barnoonni karaa ittiin sammuu dhala namaa darbees bineeldota biroo leenjisuun kallattii barbaadameerra ittiin qajeelchaniidha. Dhimma lubbu-qabeeyyii biroo dhiisnee jijjiirama barnoonni sammuu dhala namaarratti fiduu maluufi ilaalcha hawaasni keenya barnooticharratti qabaachaa jiru gabaabinaan irraa ilaalla!

Egaa barnoonni gulantaa caasaa beekumsaa(hierarchy of knowledge) keessaa isa bu’uuraati. Kana jechuun ammoo ilmi namaa madda gargaraarraa karaa idilees haata’u al-idileetiin yaadrimeewwan adda addaarratti barnoota ni fudhata. Barnoota fudhatu kanaanis beekumsa keessoo sammuu isaatii dadammaksuun gabbifata. Egaa beekumsa barnootaan tolfame kanatu nama sana ogummaa addaa gonfachiisa. Namni Ogummaa gonfate kuni ammoo qaamolee ogummicharraa fayyadaman tajaajilaa ofiifis dhimma itti baha. Namoonni barnootaan beekumsa maddisiisuun ogummaa garagaraa gonfatan kunneen ammoo walitti dhufuun qarooma biyyaa fidu. Hawaasni qaroome(advanced) ammoo haala salphaan rakkoo furachuun jireenya qananii jiraata jechuudha!

Kana malees barnoota barachuun jijjiirama amalaa fiduun ilaalcha waaltawaa akkasumas yaaduufi xiixaluu dabalatee murtii(judgement)fi yaada loojikiin dabaalame kennuuf daran gargaara! Hawaasni barumsa qalamaa yoo hin baranne, taateewwan addunyaarratti darbees akka biyyaatti mudatan simachuufi furmaata waaraa fiduurratti baay’ee rakkata! Kunis, hubannaa waliigalaafi ilaalcha waaltawaa(common sense) waan hin qabaanneef burjaajii hamaaf saaxilama!

Akka UNESCOtti inistitiyuutiin istaatiksii gabaasetti, biyya keenyatti dhuma bara 2022tti namoonni dubbisuufi barreessuu danda’an 48.93% qofadha. Kanaanis biyyoota shan akka addunyaatti ijoolleen ishee mana barumsaa deemaa hin jirre (most non-school-going children) keessaa Itiyoophiyaan ishee tokko taatee jirti! Utuma kanaan jirruu, biyya keenyatti yeroodhaa gara yerootti ilaalchi barnootaaf(saayinsiif) kennamaa jiru daran gadi bu’aa jira. Kunis, sadarkaa mootummaatii kaasee hanga namoota dhuunfaatti fedhiifi kaka’umsi lammiileen akka baratan taasisuu kan durii waliin yoo wal bira qabamee ilaalamu baay’ee baay’ee gadi bu’aadha.

Nan yaadadha bara barnootaa 1997 (2004-5) keessa sosochiin bifa warraaqsa fakkaatuun “lammiin umuriin barnootaaf gahe kamuu mana barnootaan ala ta’uu hin qabu” jedhuun lammiileen akka baratan akka gaarii kaka’umsiifi dhiibbaa guddaan karaa mootummaa taasifamaa ture! Kana jechuun ammoo namni wayita sanatti barachuun bifa qajeelfamaatiin kan kennamu malee fedhii qofaanii miti jechuudha. Amma garuu abbaan fedhe baratee dhiisee dantaa mootummaas ta’ee nama dhuunfaa miti! Lammiileen barachuun dhuunfaa isaaniif qofa utuu hin taane biyyaafillee hangam akka barbaachisu namuu ni hubata!

Bara kana keessa namoota dhuunfaa, dhaabbileen adda addaa barnoota akkaan qeeqaafi lammiileen akka gara mana barumsaa deemanii hin baranne taasifamaa jiru. Kana malees rakkoo haala nageenyaa biyya keenya keessa jiruun hanga ammaatti barattoonni miliyoona 7.2 ta’an mana barumsaan ala ta’uu isaanii Ministeerri barnootaa biyya keenya dheengadda waltajjiirratti dubbateera. Kunis warra umuriin isaanii gahee barumsa ammoo hin eegalin kan dabalatu utuu hin taane warra barnootarraa sababa waraanaatiin uggurame qofadha. Kana malees, namoonnifi jaarmiyaaleen tokko tokko “waan tiyoorii qaamni biraa hojjateefi barreesse dubbisuun #shamaddaduun beekumsaa miti; warri baratee doktoraafi pirofeesara ta’e mee waan tokko biyya kanaaf haa kalaqee nu agarsiisu” jechuun qeeqa cimaa dhiyeessu!

Scroll to Top