1.2.1.1. Heera Mootummaa FRDI fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Heerri Mootummaa seera ol’aanaa ta’uun isaa ni beekama.37 Seeronni biroon isaa gadi jiran tumaa heeraatiin yoo walitti bu’an (walfaallessan) fudhatama kan hin qabne ta’uun isaa Heerichuma kwt 9 jalatti tumameera. Tumaaleen heeraa akka madda seera ijaarsaatti fudhatamuu danda’an Heera Mootummaa kwt 40 (Mirga qabeenyaa), kwt 41 (Mirga dinagdee, hawaasummaafi aadaa), kwt 43 (mirga misoomuu), kwt 51(9)(daandiiwwan gurguddaa babal’isuu) fi kaayyolee mootummaa jedhamanii heericha kwt 89-92 jalatti kan tarreeffamanidha.38 Heerri Mootummaa Naannoo keenyaas haaluma walfakkaatuun kan tume yemmuu ta’u, tumaalee kaayyolee mootummaa naannichaa ilaallatan immoo kwt 102-106tti tarreesseera. 1.2.1.2. Hammattoowwan Seeraa Biroo a) Seera Hariiroo Hawaasaa Seerri Hariiroo Hawaasaa bara 1952 kan bahe yemmuu ta’u, waliigalteen ijaarsaa walta’iinsa fedhii gareewwanii irratti hundaa’ee raawwatamu hanga ta’etti tumaaleen waa’ee waliigaltee ilaallatan dhimma ijaarsaatiif rogummaa ni qabaata. Haala kanaan, SHH kwt 1675 hanga 2026tti kan jirufi qabeenya hin sochoonee ijaaruu ykn haaromsuudhaan wal qabatee immoo keewwatni 3019 hanga 3040 akka madda seera ijaarsaa biyya keenyaatti kan tajaajiludha jechuudha.39 37 Heera MootummaaRFDI kwt 9ilaali. 38 Yaadannoo 20ffaa, fuula 44-45. Keewwatni 51(9)s kallattiidhaan dhimma ijaarsa daandiitiin kan walqabatu waan ta’eef itti daballee jirra. 39 Kitaaba ogeessi Beezawarq Shiimallaash jedhamu mata duree “የኮንስትራክሽን ሥራዎች ውል አዘገጃጀት ለሕግ ባለሙያዎችና ለምህንድስና ባለሙያዎች በአማሪኛ የቀረበ”jedhuirratti bara 2013 barreesse fuula 2 ilaali. Almaawu Walees bifuma walfakk

Waliigalteen ijaarsaa dhuunfaa (waliigaltee kontiraakterri nama dhuunfaa ykn dhaabbata dhuunfaa waliin raawwatu) foormii addaatiin (barreeffamaan) raawwatamuu qabamoo hin qabu kan jedhuun wal qabatee, Seerri Hariiroo Hawaasaa kwt 3020(1) jalatti, gareewwan waliigaltee waa’ee hojiiwwan hojjetamaniifi gatii isaa irratti yoo waliif galan malee waliigalteen ijaarsaa hin jiraatu waan jedhuuf, kun immoo al kallattiidhaan hojiiwwan hojjetamanifi gatii irratti waliigalteen jiraannaan waliigaltichi jiraachuu agarsiisa jechuudha. Kana malees, kontiraakterri osoo hojjechiisaan beekuu hojicha yoo eegale ykn dursee gatii waliigaltichaa irraa kaffaltii dursaa yoo fudhate, waliigaltichi jiraachuu isaatiif mirkaneessa gahaa ta’uun isaa SHH kwt 3020(2) jalatti tumameera. Dhimmi foormii waliigaltee bittaa mootummaa garuu SHH kwt 1724, 3134fi seerota bittaa waliin wal bira qabuun kan addatti ilaalamuu qabudha. Gama birootiin, tumaaleen SHH waliigalteewwan bulchiinsaa hogganan, keessattuu waliigaltee ijaarsaa mootummaa, SHH kwt 3131-3306 (addatti immoo kwt 3244-3296) dhimma bittaa mootummaatiin wal qabatee hojiirra jiramoo fooyya’eera ykn haqameera kan jedhuun wal qabatee ogeessota seeraa gidduutti yaadonni adda addaa ni ka’a. Fakkeenyaaf, Beezawarq Shimallaash, kitaaba40 isaa keessatti tumaaleen kun seerota biroo kanneen akka seerota bittaa mootummaatiin yoo bakka buufamaniiru ta’e malee raawwatiinsa ni qabaatu kan jedhe yemmuu ta’u, ogeessi seeraa Teklee Hagos jedhamu immoo tumaaleen kun seerota bittaa mootummaatiin akka haqametti xiinxaluun ibsa.41 Haala itti haqame (guutummatti ta’uu baatus) jedhus wayita agarsiisu; Labsiin Bulchiinsa Faayinaansii Federaalaa, Labsiin Lakk.57/1989 seensa isaa keessatti seerri haarayaan kan barbaachiseef bittaan mootummaa bu’a qabeessummaa, ammayyummaa qabaachuu kan qabuufi qajeeltoodhaan hogganamuu qaba yaada jedhu ibsuu isaafi seerri hariiroo hawaasaa immoo ammayyummaa kan hin qabne ta’uu, hanga labsiin kun bahutti adeemsi bittaa mootummaa tumaalee SHHtiin hogganamaa turuu, Dambiin labsicha raawwachiisuuf bahe dambiin lakk.17/1989s kwt 73 jalatti tumaaleen bittaa dambicha keessatti ibsaman tumaalee addaa (special provisions) ta’uu, itti aansee labsiin lakk.430/1997 kan bahe ta’uu, itti fufuun, labsiin lakk.649/200142 kan baheefi labsichi labsiilee duraan turan haquun haala mo’ataan caalbaasii itti adda bahuufi waliigalteen mallatteeffamus kwt 46(4) jalatti ifatti 40 Kanuma olii. 41 Tecle Hagos, Conflicting Legal Regimes Vying for application: The Old Administrative Contracts law or the modern Public Procurement Law for Ethiopia,African Public Procurement Law Journal, 2017. 42 Labsiin kun yeroo ammaatti labsii lakk.1333/2016n haqameera.
ibsuu isaa agarsiisee, dhuma irratti akka yaada furmaataatti seerri hariiroo hawaasaa kun qaama sirna bittaa mootummaa ta’uufi dhabuun isaa ifatti labsamuu qaba jedheera.43 Egaan, keessattuu Dambiin Lakk.17/89 kwt 73 jalatti tumaaleen SHH waliigaltee bulchiinsaa abbooman akka guutummaatti hin haqamne kan argisiise ta’uurrayyuu dhaddachi Ijibbaataa MMWFs hiikkoo seeraa dirqisiisaa kennaa tureefi jiru44 keessatti tumaaleen kun akka bittaa mootummaatiif rogummaa qabutti waan itti fayyadamaa jiruuf, tumaalee SHH waliigaltee bulchiinsaa ilaallatan akka qaama sirna bittaa mootummaa biyya keenyaatti fudhachuu ni dandeenya. b) Seera Adeemsa Falmii Sivilii (Hariiroo Hawaasaa) Seerri adeemsa falmii sivilii, seera dhimmi manneen murtiitti dhiyaachuu danda’u kamiyyuu (waldiddaa waliigaltee ijaarsaa dabalatee) ittiin ilaalamu waan ta’eef seerichi murteessummaa kan qabudha. Seericha keessaa keewwatni 315, kan waa’ee ‘arbitration’ haasawu immoo labsii lakk.1237/2013n kan haqame waan ta’eef, yeroo ammaatti hojiirra hin jiru. Adeemsa jaarsoliin (abbaan seeraa) dhuunfaa (arbitrators) hordofuun murtii kennan ilaalchisee tumaaleen Inistitiyuutii Jaarsummaa Mana Maree Daldalaafi Waldaalee Damee Finfinnee dambii ittiin bulmaataa diriirsee jira. c) Seerota Bulchiinsa Faayinaansii, Bittaafi Qabeenyaa Mootummaa Federaalaafi Naannoo Keenyaa Yeroo ammaa kanatti dhimmi bittaa mootummaa federaalaa kan hoogganamu Labsii Lakk.1333/2016n yemmuu ta’u, sadarkaa naannoo keenyaatti immoo labsii lakk.157/2001dha. Mirgoonniifi dirqamoonni bu’uura Labsii Lakk.649/2001tiin45 Ejensii Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Mootummaatiif kennamee ture, bu’uura labsii lakk.1333/2016 kwt 79tiin Abbaa Taayitaa Bittaa Qabeenya Mootummaatiif darbuu labsiin haarayaan kun ni ibsa. Labsiin aangoo qaamolee raawwachiistuu mootummaa federaalaa irra deebiin murteessuuf bahe, labsiin lakk.1263/2014s kwt 65 jalatti Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Itoophiyaa erga hundeessee 43 Yaadannoo 41ffaa. 44 Murtii dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee lakk.101378 (Jildii 18ffaa) ta’e irratti SHH kwt 3268፣ 3282/1/ caqasuun kenne akka fakkeenyaatti ilaaluu dandeenya. 45 Labsiin lakk.1076/2018, labsii atoomina mootummaafi dhuunfaa (Public Private Partners
booda kwt 92 jalatti immoo itti waamamni Abbaa Taayitichaa Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaatiif ta’uu, itti waamamni Abbaan Taayitaa Bittaa Qabeenya Mootummaa immoo Ministeera maallaqaatiif ta’uu kwt 87 jalatti ibseera. Seerri biroon dhimma bittaa mootummaa46 federaalaa hogganuuf bahe, qajeelfama bittaa Ministeera Maallaqaatiin Waxabajjii keessa bahe, Qajeelfama lakk.1/2002 (kan ji’a Muddee bara 2008 keessa fooyya’e, boodarras muddee bara 2009 keessa) dha. Kana malees, baruma 2002 keessa maanuwaaliin raawwii bittaa mootummaa federaalaa bahee jira. Akka Naannoo keenyaattis, qajeelfamni raawwii bittaa mootummaa lakk.01/2004 kan bahe (boodarra lakk.02/2004n akka fooyya’etti, qaj.lakk.01/2009, akkasumas qajeelfama lakk.26/2014 akka fooyya’etti) yemmuu ta’u, bara 2015 keessa immoo, qajeelfamni lakk.27/2015 addatti dhimma raawwii bittaa ijaarsaa bulchuf hojiirra ooleera. Dabalataan, qajeelfamni addaa bittaa galtee meeshaalee ijaarsaa murteessoo ta’an irratti sirreeffama gatii taasisuuf qophaa’e lakk.29/2016 qajeelfama ilaalamuu qabudha. Istaandardiiwwan Haallan Waliigaltee Ijaarsaatiin wal qabatee, Ministeerri Hojiifi Misooma Magaalaa bara 1994 keessa istaandardii kan baasee ture ta’ullee, istaandardichi injinera kan filatu ministeerichadha (hojjechiisaadha jechuu dhiisee) jechuu isaatiin, akka sanada FIDIC (yeroo 4ffaadhaaf maxxanfame) irratti tumametti haallan waliigalaafi haallan addaa jechuun adda baasuu dhiisee walitti makee sanada FIDIC irraa waraabuu isaatiin qeeqameera.47 Sana booda, istaandardiin haallan waliigaltee ijaarsaa hogganu, Ejensii Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenyaa Mootummaa Federaalaatiin (yeroo ammaa Abbaa Taayitaa kan jedhamuun), bara 1999 bahee (bara 2003 fooyya’uun ykn PPA 2011) hojiirra kan jiru yemmuu ta’u, akka naannoo keenyaatti immoo istaandardiin kun Biiroo Maallaqaatiin afaan Oromootti hiikamee, beekamtii qaama aangoo qabuu argatee, bara 2016 irraa eegalee hojiirra kan jirudha. Abbaan Taayitaa Daandiwwan Itoophiyaas istaandardiiwwan addaa addaa ni qaba. Labsiileen, dambiileen, qajeelfamoonnifi istaandardiiwwan dhimma bittaa mootummaa hogganuuf bahan waa’ee wabummaawwan kaffaltii duraa, wabii raawwii waliigaltee, wabii caalbaasiifi wabii kaffaltii hojjechiisaan hojjetaa irraa kutee qabuus (retention money bond) tumaniiru. 46 As irratti gaaleen “bittaa qabeenyaa” jedhu bittaa hojiiwwan ijaarsaa mootumma
Heera Mootummaa FRDI
Heera Mootummaa FRDI
Heera Mootummaa FRDI
Heera Mootummaa FRDI
https://odaamarket.com/indigenous-peoples-rights-international/

