Barreeffamoonni tokko tokko jechoota gaggeessummaafi hooggansa jedhaman kanneen waljijjiiruun yeroo ibsan ni mul‟ata. Kanuma irraa ka‟uun, namoonni hedduunis, jechoota lamaan kanneen akka tokko ta‟aniifi garaagarummaa hin qabneetti fudhachuun yeroo dhimma itti ba‟amu ni mul‟ata. Haa ta‟u malee, walitti dhufeenyaa fi garaagarummaa ifa ta‟e akka qaban hayyoonni ni ibsu. Garaagarummaafi tokkummaa gaggeessummaafi hooggansaa ilaalun duratti hiikkoo yaadrimeewwan kanneenii ilaaluun barbaachisaadha. Hooggansaafi gaggeessummaa ilaalchisee, hayyoonni adda addaa hiikkoo itti kennuuf yaalanii jiru.38 Katz 1955, hooggansa jechuun, taayitaa hojii raawwachiisuu, bulchuufi tooa‟achuu fayyadamuun garee ykn mana hojii qajeelchuudha; hojii irratti xiyyeeffachuu, hojjettoota gahoomsuu, namoota dandeettii olaanaa qaban too‟achuu, waldiddaa hiikuun naamusa eegsisuudha. Itti dabaluun, Kotter 2001, hooggansa jechuun hojiilee garee ykn mana hojii karoorsuu, qindeessuu, gurmeessuu, baajata ramaduufi hordoffii taasisuu dha jechuun hiikee jira. Kana malees, Northouse 2007, hooggansa jechuun adeemsa kaayyoowwan beekkaman leecaaloowwan haala gahumsa qabuun fayyadamuun fiixa baasuu jechuudha. Akka waliigalaatti, hooggansa jechuun adeemsa galmoota mana hojii fiixa baasuuf itti gargaaramnu jechuu dha. Gama biraatiin, DePree 1989 gaggeessummaan walxaxaafi bifa garagaraa qaba jechuun ibsee jira. Northouse 2007, gaggeessummaan, gocha; tooftaa; ogummaa/beekumsa; adeemsa; ittigaafatamummaa; muuxannoo; hojii hooggansaa; taayitaa; dhiibbaa uumuu; amalaafi dandeettiidha jechuun hiika. John C Maxwell 1998, gaggeessummaa jechuun dhiibbaa uumuu dha jechuun hiika itti kennee jira. Kana malees, Peter Drucker 1999, gaggeessaa jechuun nama hordoftoota qabudha jechuun hiikee jira. Kotter 1990, gaggeessitoonni nama kakaasuu fi si‟eessuu irratti kan xiyyeeffatan ta‟uu ibsee jira. Bennis fi Nanus 1997, gaggeessitoonni namoonni mul‟ata isaanii akka hordofan, galmoota yeroo dheeraa bira gahudhaaf fedhii namoota keessatti uumu, galmoota waloo fiixa baasuuf gaafatamummaa ni fudhatu, haala baratamaa jijjiiruuf ni carraaqu jechuun ibsanii jiru. Akkasumas, Bass 1990, gaggeessaan ija isaanii faayidaa hordoftoota isaanii irraa hin buqqifatan waan ta‟eef namoonni fedhii isaaniitin gaggeessaa duukaa bu‟u; gaggeessaan tooftaa gaggeessummaa jijjiiramaa
fayyadamuudhaan hordoftoota qajeelcha jechuun ibsanii jiru. Akka waliigalaatti, gaggeessummaa ilaalchisee hiikkoon garagaraa jiraatus, irra caalaan isaanii gaggeessummaan mul‟ata hawwataa ta‟e qopheessuun galmoota waloo fiixa baasuuf adeemsa namoota irratti dhiibbaa uumuu akka ta‟e ibsu. Hiikkoo gaggeessummaafi hooggansaaf kenname isaan muraasa olitti ilaalle jirra. Itti aansuun tokkummaa, garaagarummaafi barbaachisummaa isaanii hubachuun murteessaa dha.39 Gaggeessummaafi hooggansi dhiibbaa uumuu, namoota waliin hojjechuufi galmoota waloo fiixa baasuu kan hammatan ta‟uu (The Guardian, 2013) ibsee jira. Haa ta‟u malee, (Kotterman 2006), „„leadership and management overlap, but they are not the same‟‟ jechuun ibsee jira. Kunis, gaggeessummaafi hooggansi tokko kan hin taane ta‟uufi kan walirra bu‟an ta‟uu ibsee jira. Katz 1955, gaggeessummaan kallattii garagaraan dhiibbaa uumuu yoo ta‟u hooggansa jechuun immoo kallattii tokko qofaan hariiroo taayitaa irratti hundaa‟e qabaachuudha jechuun falma. Kana malees, Abraham Zaleznik 1977, garaagarummaa gaggeessitootaafi hooggansaa irratti barruu barreesseen manni hojii tokko galmoota isaa bira gahuuf hooggantootaafi gaggeessitoota bu‟aa qabeessaa ta‟an kan isa barbaachisu ta‟uufi lamaanuu garuu gumaacha garagaraa kan qaban ta‟uu ibsee jira. Haaluma kanaan, gaggeessitoonni jijjiiramaafi tooftaa haaraa kan jajjabeessaniifi kutannoo namoonni qaban hubachuuf kan hojjetan ta‟uu; hooggantoonni immoo mana hojii keessatti tasgabbiin akka jiraatu kan jajjabeessaniifi taayitaa isaanitti kan fayyadamuun hojiin fiixa akka bahu kan hojjetan ta‟uu ibsee jira. Watson 1983, hooggantoonni gurmaa‟insaafi sirna irratti kan xiyyeeffatan yoo ta‟u, gaggeessitoonni immoo kominikeeshinii, kaka‟umsa uumuufi galma waloo irratti xiyyeeffatu jechuun ibsa. Dabalataan, hayyuun kun tarsiimoowwan gaggeessummaa 7(torba) adda baasee jira. Isaanis; tarsiimoo, gurmaa‟insa, sirnoota, duudhaalee waloo, dandeettiiwwan ogummaafi tooftaalee kan hammatu ta‟uu ibsee jira. Tarsiimowwan kunniinis; hooggantoota caalaa gaggeessitootaaf kan hojjetan ta‟uu ibsa. Benis fi Nanus 1985, garaagarummaa gaggeessitootaa fi hooggantoota jidduu jiru akka itti aanutti hima tokkoon ibsanii jiru, “managers are people who do things right, and leaders are people who do right things” jechuun ibsanii jiru. Hooggantoota jechuun namoota hojii qixa sirriin hojjetan jechuu yoo ta‟u, gaggeessitoota jechuun immoo namoota hojii gaarii hojjetan jechuudhaan ibsanii jiru. Gaggeessuu jechuun namoota biroo amansiisuufi jijjiiramaa
mul‟ata qopheessuu jechuu yoo ta‟u, hogganuu jechuun immoo hojiilee guyyaa guyyaa hojjechuufi to‟achuu dha jechuun falmu. Akka hayyuun Griffin, 1993, ibsutti “hoggansi qabeenya mana hojii tokkoo ga‟umsaa fi bu‟a qabeessummaan ittifayyadamuu giddugaleessa taasisa”. Stephen R. Covey 2003, gaggeessaan mul‟ataafi galmootatti amana, duudhaalee cimaa qaba, hordoftoonni isaa karaa sirrii irra jiraachuu isaanii mirkaneeffachuuf ni hojjetu jechuun ibsee jira. Kana malees, Yiltalo 2004, hooggantoonni caasaa/gurmaa‟insa, meeshaaleefi adeemsaalee hojiin walqabatan irratti kan xiyyeeffatu ta‟uu ibsa. Hooggansi galma kaa‟ame milkeessuuf hojiiwwan ijoo kanneen akka; karoorsuu, gurmeessuu, gaggeessuufi to‟achuu wajjiin hidhata kan qabu dha.40 Hoogganaan galma kaawwame milkeessuuf karoora qopheeffachuu danda‟uu qaba. Garuu, karoora qopheessuu qofa osoo hin taane karooricha hojii irra oolchuun galma barbaadame bira gahuuf qabeenya humna namaafi qabeenyawwan biroo manichi qabu akkaataa barbaachisummaa isaatti gurmeessuu, gaggeessuu fi too‟achuun dhimma murteessaa dha.41 Hoogganaan tokko haalota kanneen hunda qixa sirrii ta‟een hojiirra oolchuu dandeenyaan milkaa‟ina garees ta‟ee mana hojii ykn biyyaa dhugoomsuu akka danda‟u ni hubatama. Kana irraa wanti hubatamuu danda‟u qabiyyeewwan ijoo hoggansaa keessaa „gaggeessuun‟ ykn „leading‟ isa tokko akka ta‟e dha. Itti dabaluun, Kotter gaheen gaggeessummaafi gahee hooggansaa garaagarummaa guddaa kan qabu ta‟uu isaa ibsee jira. Gaheen hooggansaa ajaja kennuufi hojimaata walfakkaataan akka mana hojii keessatti uumamu taasisuu yoo ta‟u, gaheen hojii gaggeessummaa immoo mana hojii keessatti jiijjiiramaafi sochii uumuu dha. Hooggansi sirnaafi tasgabbii mirkaneessuu kan barbaadu yoo ta‟u gaggeessummaan immoo jijjiiramatti madaquufi bu‟aa qabeessummaa barbaada. Walumaagalatti, ergamni ijoon gaggeessitootaafi hooggansaa namoota biroo too‟achuufi dhiibbaa uumuudha. Garaagarummaa ijoon gaggeessitootaafi hooggantota gidduu jiru tooftaa isaan ittiin galmoota isaanii raawwatanidha. Hooggantoonni aangoo/taayitaa qaban fayyadamuudhaan too‟annoo gaggeessuun galma waloo fiixa baasu. Gaggeessitoonni garuu, hordoftoota isaanii irraa deeggarsa argachuuf mul‟ata isaanii fayyadamuun namoota kakaasuun galma waloo milkeessu (The Gurdian 2013). Milkaa‟ina manneen h
hooggansaafi gaggeessummaa cimaan ni barbaachisa. Gaheewwan hooggantootaafi gaggeessitotaa wal-utubu/waldeeggaru. Manneen hojii addunyaa jijjiiramaa keessatti hojjetan gaggeesitoota qormaatilee fuuldura dhaabbataniifi manneen hojii ceesisuun mul‟ata fiixa baasan barbaadu. Kana malees, manneen hojii hooggantoota haala naannoo hojii mijaa‟aa ta‟ee uumuufi leecaaloo gahumsaan fayyadaman ni barbaadu. Manneen hojii madaallii isaanii eegan gaggeessitootaafi hooggansa qabaachuu akka qaban Kotterman 2006 ibsee jira.42 Kanaafuu, madaallii gahee gaggeessummaafi hooggansaa eeguun milkaa‟ina mana hojii tokkoof baay‟ee murteessaa akka ta‟e ibsee jira. Manni hojii hooggansa cimaa qabu gaggeessummaa yoo hin qabaanne mana hojii cinqamaa fi birokraatawaa (stifling & bureaucratic) ta‟a. Gama biraatin immoo, manni hojii gaggeessummaa cimaa qabu hooggansa yoo hin qabne jijjiiramni karaa irraa maquun bu‟aan hin barbaadamne galmaa‟uu danda‟a (meaningless & misdirected change). Kana irraa ka‟uun, namoonni gaggeessaa ykn hoogganaa ta‟an dandeettii fi amala gaggeessummaafi hooggansaa akka horatan taasisuun baay‟ee murteessaa dha. Gaaffiilee Marii 1. Tokkummaafi garaagarummaa gaggeessummaafi hooggansaa tarreesssun irratti mari‟adhaa! 2. Amaloota gaggeessummaafi hooggansaa keessaa kan akka mana hojii keessaniitti caalmaatti hojiirra oolaa jiru isa kami? Maaliif? 3. Labsii lakk.216/2011 dubbisuun ergama manneen murtii Oromiyaa adda baasuun ergama kana galmaan gahuuf sochii hooggansiifi hawaasni manneen murtii taasisaa jiru qixa yaadrimee gaggeessummaatiin madalaa! 4. Ergamaafi mul‟ata mana hojii Abbaa Alangaa labsii lakk. 214/2011 fi karoora keessatti ibsamee fi waajjira irratti maxxanfamee jiru fiixaan baasuu keessatti sochii hooggansiifi hawaasni mana hojii Abbaa Alangaa taasisaa jiru qixa yaadrimee gaggeessummaatiin madaalaa! 5. Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa qorannaa yakkaa gaggeeffamu kan hoogganu ta‟u labsii 214/2011 kwt.7(8) jalatti tumameera. Hojii qorannaa yakkaa hoogganuu jechuun maal jechuudha? Yaad-rimee hooggansaa bu‟uura godhachuun irratti mari‟adhaa! 6. Dhimmootaafi dhaddacha hoogganuu jechuun maal jechuudhaa? 42 Miil-jalee olii 38ffaa, fuula 78-81 29

https://odaamarket.com/indigenous-peoples-rights-international/
https://abdisabaf.com/cross-border-e-commerce-in-africa/
https://meelbaa.org/ethiopias-tax-policy-fostering-voluntary-compliance-and-economic-growth/
https://roobsan.com/website-for-mobile-users-in-africa/
Civic Engagement and Critical Thinking: The Dynamic Duo for a Better Society