Dirre Dhawaan kan eenyuuti
Tibba kana magaalaa Dirree Dhawaa waliin walqabatee dubbiin miidiyaa hawaasaa irratti adeemaa jira.
Sagantaa galateefannaa sababa Heera aadaa saba Somaalee Issee jedhamu kan gosa Somaalee UNESCO irratti galmaa’uu magaalaa Dirree Dhawaatti qophaa’e irratti maanguddoonni Somaalee magaalaan Dirree Dhawaa magaalaa Somaalee gosaa Issee fi Gurguraati jechuun akka Somaalee jalatti deebituuf gaafatan.
Kana hordofuunis qeeqi guddaan ka’eera.
Waggoota hedduuf Oromoon ka qabsa’aa ture mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiisuuf yommuu ta’u bara baraan sabooti biraan qubsuma Oromoo garaa garaatti quna qabaa jiru.
Dhimma kanaan walqabachuun namoota siyaasaa dabalatee qaamoleen hawaasaa garaagaraa qabiyyeen lafa Oromoo marti kabajamuu qaba jechuun, mootummaan gaaffii gama kanaan uummanni Oromoo barootaaf kaasaa ture hanga ammaa otoo hin deebisin turuu qeeqaniiru.
Dhuma jaarraa 19ffaa kan bu’uureeffamte Oromiyaa Bahaa Ona Afran Qaalloo keessatti kan argamtu Magaalaan Dirree Dhawaa Magaalaa guddoo Oromiyaa, Finfinnee irraa 515KM fagaattee argamti.
Akka seenaan ragaa bahutti magaalaan Dirree Dhawaa, maanguddoo maqaan isaanii Dhawaa Muudee Elemoo jedhamu kan Ilmaan Afran Qalloo ta’e irraa moggaafamte.
Maanguddoon kun bakka ammaa Magaalaan Dirre Dhawaa irratti hundeefamte kana qubachuun jiraachaa turuu seenaan eera
Dirreen lafa bal’aa fi diriiraa yoo taatu, Dhawaan ammoo maqaa maanguddoo dirree kana irra qubateeti.
As irraa ka’uun maqaan Dirre Dhawaa jedhamu akka moggaafame seenaan dubbata.
Dirree Dhawaan Magaalaa teessuma lafaa fi qubsuma ummataatiinis Oromiyaa taatedha.
Ummanni Oromoo qabsoo taasisu keessatti Finfinnee fi Dirree Dhawaan bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa jalatti deebi’uu qabu jechuun gaafata.
Qubsuma Afran Qalloo qe’ee Oromtichaa, lafa warraaqsa hawwisoo Oromoo kan taate Dirree Dhawaan bara 1991 booda gaafiin abbaa biyyummaa irratti ka’ee jira jechuun mootummaan ADWUI bulchiinsa federaalaa jala galchuun waggoota 30 darbaniif Dirree Dhawaan akkuma Finfinnee federaalaan bulaa turte.
Gaaffiin Dirree Dhawaas ammallee akkuma itti fufetti jira?Dirre.com
Waltajjii Dirree Dhawaatti Heerri Aadaa gosa Issee Hambaa aadaa, Saayinsii fi barnootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) irratti akka galmaa’uuf qaamota shora taphatanif beekkamtii magaalaa Direee Dhawaatti taasifame, kan aanga’ooti mootummaa olaanoon kantiibaa magaalichaa dabalatuun irratti argaman irratti, maanguddoonni Somaalee haasaa taasisaniin magaalaan Dirree Dhawaa Magaalaa Somaalee tan gosa Gurguraa akka taate ibsuun bulchinsa mootummaa naannoo Somaalee jala akka galtu gaafatan.
Qe’ee Oromitichaa Afran Qalloo keessattis Heera Aadaa gosa Issee kanaaf beekkamtii kennuuf Dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Ummannis kana sababeeffachuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti qeeqa guddaa kaaseera.
Dirreen kan eenyuutiree? Gaaffii bara baraa! Eenyu haa deebisu?
“Shiranii Shiranii” Hacaaluu Hundeessaa!
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIID DabalataOrobest.com


