Dhallii namaa pasport yoomfayyadame



Paaspoortiin jaarraa 20ffaa keessa hojiirra ooluu eegale kun addunyaa marattuu odeeffannoo wal-fakkaataa qaba: maqaa guutuu, guyyaafi bara dhalootaa, iddoo dhalootaa, suurafi kkf fa’aa qabata. Bifa amma jiru kana qabaachuu baatus, dhalli namaa paaspoortii itti fayyadamuu kan eegale waggaa 3500 dura.Dhallii namaa pasport yoomfayyadame
Paaspoortiin akka mallattoo eenyummaa namaa adda baasutti hojiirra ooluu kan eegale Masirii durii keessatti ta’uu himu baruuwwan durii qorachuun kan beekaman Pirofeesar Paatrik Biksibeey. Pirofeesar Paatrik waa’ee sanadoota dhalli namaa itti fayyadamaa tureefi bifa kamiin fayyadamaa akka tures kitaaba License to Travel: A Cultural History of the Passport jedhu barreessaniiru.Google.com
“Itti fayyadamni paaspoortii kan eegale seenansaa Dhaloota Kiristoos dura jaarraa 14ffaa keessa waggaa 3500 dura Masirii durii keessatti,” jechuun BBCtti himan.
Akka isaan jedhanitti namoonni bakka tokko bakka biraatti moototaan ykn nama isaan bulchuun yeroo ergaman, nama seera qabeessa ta’uufi ergaan isaanii sirrii ta’uu kan adda isaan baasu sanada suphee ykn dhagaa bocamerratti barreeffamee qabatanii deemu.Dhallii namaa pasport yoomfayyadame
Paaspoortin bifa ammayyaa qabatee dhufuu kan eegale jaarraa 19ffaa keessa ta’us akka garuu yeroo sana sadarkaa idiladdunyaan wal-fakkaataa akka hin taane kaasu Pirofeesar Paatirik.
“Paaspoortiin jaarraa 19ffaa suura kan qabu hin turre. Garuu funyaan, ijji, fuulli fa’aa maal akka fakkaatu barreeffamaan ni ibsama. Garuu afaan ittiin ibsamu bakka hundatti tokko miti,” jechuun paaspoortiin suura qabuufi sadarkaa idiladdunyaan wal-fakkaataa ta’e yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa hojiirra ooluu akka eegale kaasu.DabalataOrobest.com

Scroll to Top