Dargaggoonni baayyeen maal yaadu
Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay’ee hawwamaadha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu’anii ba’uun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti.
Egaa jireenya keenya gara duraa kan bareechinus ta’e kan balleessinu daangaa umurii dargaggummaa keessatti.
Dammaqi! kana dura osoo hinbeekin umurii kee qaalii kana akkasumaan dabarsaa turte ta’a. Amma garuu nama kaayyoof jiraatu ta’uu qabda.Dargago.com
Namni cimaan yeroo hunda cimina namaa dhugaa ba’a, fakkeenya godhata; namni dadhabaan garuu yeroo hunda dogoggora xiqqoo namarra barbaaduufi dadhabina namaa haasa’uun yeroo isaa guba.Dargaggoonni baayyeen maal yaadu.
Yaa namanaa! Waa’ee namaa haasa’uun jireenyakee keessaa daqiiqaa tokko gubuu irra waa’eekee sekoondii tokko yaaduutu bu’aa siif qaba.’dabalatOrobest.com .Sammuu kee Leenjisi!(Train your mind)
———
Leenjiin ilma namaatiif waan murteessaadha. Namni waan hin beekne beekuuf yaaluu qaba. Ilmi namaa yoo shaakaluu barachuu dhiise malee wanti inni hin dandeenye hin jiru. Kun kan agarsiisu, ilma namaa keessa dandeettiin addaa jiraachuu agarsiisa.
Fakkeenya salphaa yoo fudhanne, namni kamiiyyuu yoo hin yaalin ykn yoo shaakalin barreessuu tasuma hin danda’u, konkolaataa oofuu hin danda’u, afaan dubbachuu hin danda’u, shaakala sport adda addaa gochuu hin danda’u…ilmi namaa bu’aa waan leenji’eeti jechuudha.
Sammuu leenjisuun waan hunda leenjisuudha! Waaqayyo sammuun keenyaan, hafuuraan akka geggeeffamu godhee ilma namaa uumeera. Kun uumama hundarraa adda nu taasisa. Sammuun waan nuuti leenjisne kamiiyyuu leenji’uuf qophiidha. Waan gaarii, milkii, na danda’a yoo leenjisne waan gaarii bu’aa qabu hojjetee nutti agarsiisa, sodaa, shakkii, dadhabina, hin danda’u yoo deddeebinee itti himne, isuma shaakala bu’aa isas ni argina.
➣Kutaa qaama keenyaa kan biras akkuma leenjifnu, waan dansaa yaadutti sammuu haa leenjifnuu.
Addunyaan kun garuu, warra sammuun naaffatanii fi warra sammuun hir’uun malee warra qaama miidhamaniin tasumaa hin baddus, hin barbaaddus.
Silaa naaffachuun qaamaa milkaa’ina namaatti daangaa osoo godhee Pireezendatiin Ameerikaa 32ffaan, Roosevelt wheelchariirra taa’ee hoogganaa hin ta’u ture.
Helen Keler isheen ija ittiin libsattu hin qabne akkasumas duudaa taate, barreessituu fi nama siyaasaa cimtuu ifa biiftuu jalaa hin taatu ture.
Rakkoon naafummaa sammuu caale hin jiru. Gidiraan sammuun gabroomuu caale hin jiru, hin jiraatus. Rakkoo kana jalaa bahuuf immoo sammuu keenya leenjisu qabna.
Sammuun leenji’e burjaajjii irraa nu bilisoomsee yaada keessoo keenyaa akka jiraannuu fi hiika dhalachuu keenyaa akka jiraannu nu taasisa!. Fayyaa fi nagaa qabaadha. Via tolaa


