Seenaa ummata oromoo dubbisaa

Namni itti aanaa Dajjaazmaach Walda Gabri’eel Abbaa Seeyxaan tahuun Carcar gita bitaa ture fi Oromoota Ituu hedduu gidiraa kaayaa ture #Dubbaalaa_Boobooti. Dubbaalaa Booboo dhalataa Kuulloo Koontaati. Warri Oromoo Ituu Seenaa ummata oromoo dubbisaa

“#Dubbaalaa_Waajjiiraa” jechun isa yaamu. Kan waajjiiratti nama yaammatee nama dararu jechuu fadhaniiti. Fitawuraari Dubbaalaan Abbaa Birruu Dubbaalaati. Jalqaba inni kun Gabra Kuulloo Koontaa kan Minilik Saba Daawroo erga caphsee gabbarsiise booda, akka kennaa Gabraatti argatee waraanati makuun Oromoorratti duulchisee gabroota hedduu keessa tokko yoo tahu, nama waraana minilik wajjiin duulee Lola Bordooddee fi Calanqoorratti hirmaate dha. Erga baha oromiyaa Caphsan booda, Dubbaalaan #Malkaa_Balloo Galamsoo ti yeroo muraasaaf ramadamee Caffee Aananii fi naannoo san bulchaa ture gara jabeessa namaati ture, Atoo Dubbaalaan. Bara 1896 gaafa Raas Mokoonanii fi Dajjaazmaach Walda waraana isaanii guurratanii gara lola Adawaati kutan san, Dubbaalaan itti aanaa ilma Dajaazmach Walda Gabri’eel kan ture #Mokoonoon_Walda_Gabree tahun gita Bitaa Ona Carcar tahee,sadarkaa guddina angoo waan argateef jijiiramee Qunneeti,san booda cirooti gale. Bara kana keessa Milkaa’uufillee baatu Oromooni Ituu yeroo Raas Mookoonani fi Walda Gabri’eel gara Adwaa kutan san carraa argatanitti fayyadamuun gootonni akka Alii Gurraachaa, Sheikh Alii Jaamii guutoo fi kkf sochii deebi’anii ofbilisoomsuudha hanga tokko itti fufuuf carraaqaa turan. Dubbaalaan haala sochii lafa jala jalqabuu Oromoota Ituu kanaan gammachuun itti hin dhagayamne. Inumaatuu “Tan bordooddeti nu gootan san yoom irraanfanne…” jechuun dorsiisaa fi gocha gara jabbeenyaa oromoota Ituu irratti fudhachuus ture. Gidiraa fi dararaa Irra gahaa turee fi quuqama garaa isaanii jiru Oromoonni Carcar haala kanaan Mirriiga isaanii keessatti ibsachaa turan:-“Waajjiraan ciroo galee, teessoon dur malkaa bal’ooIsaan warra Abbaaa baloo-w Nuti warra haagaloow.Dhufe kuunoo Dubbaalaan Abbaan simaa baloow. Maqaan Abbaa Dubbaa, Ilmi isaa BirruudhaWalii akka takkoo, lachuu bar gabroodha.Haalasnaa bordooddee,Haluu anoolee dhaa.Simaa baloow ciroo, tan mudhii uleedhaa.Waa dheengaddaa mitii,Arraa mi kaleedhaa.Kaleen arraa hin taatu, Nuuf bar ammalleedha” jechuudhaan ture waan garaa ofii kan Mirriigaan ibsachaa turan. Akkumma Yaadatamu Oromooni Ituu bara 1883-1886ti, waraana Dajjaazmaach Walda Gabri’eel Bordooddeeti akka malee gochuun ofirraa faccissaa turuun isaani ni beekama. “Haalasnaa Bordooddee Haluu aanoolee dhaa….”yoo ja’aan, Asirratti wanni ibsachuu barbaadan miidhaa Aanooleetti Nafxanyaan Oromoorraan gahan san Bordooddeeti hanga barbaadame tokkoo irraa kaffalachuu baatanis, miidhaa guddoo nafxanyootarraan gahuu isaanii kan agarsiisuu fi San booda Dubbaalaan “Simaa, Baloow” jechuun kan oromoo Ituu dararaa tureefis hijaa san (miidhaa bordoodde san) irraa kaffalachuuf akka tahe mul’isuuf jecha, haala kanaan Mirriigaa turan. Fuuldura seenaa tana bal’inaan itti fufna.👇👇👇👇https://www.facebook.com/kiyhussen?mibextid=ZbWKwL Madda Beekumsaa fi Oddeefannoo, Daawwiiti Isa Kaleessa Keenyaa ti.#Horaa_BulaaSeenaa ummata oromoo dubbisaa DabalataOrobest.com

Scroll to Top