AMALOOTA NAMOOTA MO’ATOO TORBA
1# Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama’an, akkabarumsa argatanitti yaadu.👉 2# Abdii hin kutani. Yoo kufan ka’uu akkadanda’an beeku.👉 3# Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan namabiraa arguu danda’u. Hir’inaa isaaniirratti maleehir’ina namaa irratti hin xiyyeeffatan. Waanqabanii fi waan danda’anirratti xiyyeeffatu.👉 4# Namoota (hiriyyoota) gaarii ta’an naannooisaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fiilaalchaan waltumsuu danda’an of biraa qabu.👉 5# Waa’ee doggoggora darbee deddeebi’aniiyaadanii of hin dhiphisan, garuu irraa baratu.👉 6# Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni dhiphinni,rakkiinni irra ga’u waan isaan miidhe caalaawaan miidhama sana keessaa argatan yaadu.👉7# Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi’an.Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha,namoonni mo’atoon ni murteessu AMALOOTA NAMOOTA MO’ATOO TORBAOrobest.com. amaloota-namoota-moatoo-torba. Amala.com
Habalaka jechaafi gochi walfaallaa!
The Paradox!
Addunyaan teenya habalaka keessa burraaqaa ooltee bulti! Biyyi tiyya ammoo kan sanii achiiti! Jechiifi gochi wal madaalee hin beeku! Wanti jiruyyuu hin jiru; kan hin jirres jira!Fakkeenyaaf:- Ministeerri Nageenyaa, biyya keenyatti bara 2011 as hundeeffame! Kaayyoon ministeerichaa nagaa biyyaafi tasgabbii lammiilee eegsisuu ture! Ergasii garuu biyyi keenya waan itti jirtu beekumsaafi humnan ittiin isiniif ibsu hin qabu😌
Dhaabbanni Eegduu Imimmaanii(እምባ ጠባቂ ተቋም) biyya keenyatti hundeeffamuu isaa duruu Raadiyoo teenya Rising sanirraa nan dhagaha ture.Yeroo darbemmoo hogganaa moo hoggantuun tokko muudamteertiin dhaga’ee arge! Akkuma waliin beeknummoo imimmaan lammiilee dhiiga makatee dhangala’u guyyuu utuu hidhamee GERD caalaa anniisaa elektirikaa maddisiisuu hin oolu😥
“Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa” jedhamuun erga 1991 kaasee hanga ammaatti namoota 530 oltu #addaraashatti walgahee mindaa olaanaa nyaata😌 Garuu bakka bu’ummaa ummataa ወፍ የለም! Lammiileen akka fedhe rakkoo hamaa dhalootuma isaanii miidhuyyuu yoo argan ባላየ ላሽ jedhu. Seeronni mirga lammiilee sarbuun gadadoo hamaaf saaxilus qaama wayiitiif wixineeffamanii dhufan harka baasuun #acabaccabanii raggaasisuu malee ummatan bakka bu’ee dhufe ni miidhaaf ni fayyadaa hin qoratani, hin gaafatani!
Komishiniin Farra Malaammaltumaa biyya keenyaa ofiifuu malaammaltummaan himatamuun suufii uffatee mana murtii dhaabbata! Humna nageenyaa nageenya lammiilee eegaaf hundeeffamee gibira lammiileen kanfalaniin yuunifoormii uffachuun nyaatee dhugutu kaalchoofi uleedhaan nageenya lammiilee goolaa oola! Koomishiniin mirga namoomaa hundeeffannee gammoo ajaa’ibaa tokko keessa addabaaba’iirra jiraatu. Garuu mirga namummaa lammiilee sarbamee akka fedhe abbeen fedhe dhidhiitee, dhahee lafa buusee biraa adeema😥 Komishiniin marii biyyoolessaa hundeeffamee jira; garuu kan inni mariisisu….baay’ee baay’eetu jiraa na dhiisi mee🙊


