Akkamittin dagadha jettee yaaddee
As qabee achi qabee ol fiigee gad fiigee muummee meeqa labee
Dafqee xuruurfadhee foonni koo bututee lafeedha itti cabee
Gammojjii ho’aan guutuu aduu saafaa keessa bara hongee jooree
Aduun na laabbessee dheebuun na gaggabsee hidhiin koo qoqqoree
Homaa hin buufanne kaadhee lo’ee konkolaadhee ofiin qiilleensa abootee
Dheebuu hin baanee miirrii koo quufee cirriqfatee jiras ammas dheebotee.Akkamittin dagadha jettee yaaddee
Inuman kurkuraa dhiitee yoo bariituu
gannas yooman ciisee xaxadhee
Yooman taa’e ol galee
harka koo maradhee qorraaf dhoqqeesaa baqadhee
Dhoqqee jilbaan ga’ee tirtiraan qoramaa qorraan waxalamaa
Saphaphuu irra ejjedhee kufee lafa nyaachaa dacheen kabalamaa
Ilaalcha koo jalaa argaa koo miliqee laaqii keessa dhokatee
Qoreen hadhaa qabuu abbaan arfii torbaa faana na tumatee
Madaansaa kulkulee bulee bishaan naqee utuu matarraatti na nyaatuu
Mudaammuddii na dhiiteesse miilla qaratti gogsee deemsa na dhowwatuu
Ciisee yeelalurra jedhee utuu qurxumsee na nyaatuu ittumaan tirachaa
Tabba ba’aa irran gadee bu’ee gaaraatti foqoqaaa akkasumas dachaa
Mannaggachuu koo cimsee ittuman fufee
Dhukkubbiidhan aadaa ijoo meeqa lufee
Ta’ee utuu jiruu yoom ta’e akkan hawwee
Qaawwan koo calchisee ammaas itti qaawwee
Barii sagee innan duuche iddoo afaan banuu
Hin duudne afaan bana galgalas yoon galuu
Isan bona saafaa keessa daafuraa jijjigsee
Citaa barbaachaf qaama koo of dhiigsee
Dafqa itti coccobsee kattarraa foqoqaa
Gorgubbeen gubadhee falaxaan of hooqaa
Tulluu qaari’ee laga meeqa ce’ee
Gufadhee kufee gogaadha qunca’ee
Ganna as deemuf dura of qopheessee
Dhimmuu ofirraa kutuuf lubbutti of murteesse. Akkamittin dagadha jettee yaaddee
Akkuma akka isaatti citaan guuree kana bantii mana korra tuule
Qaqawwee dhaga’ee bokkaa dhufu dheessuf mana kotti ol galee
bokkaa yandii qaxxamuuree qileensi hamaan mana kootti duulee
aakka hin jirree godhee iddoodha ballesse xiqqoollee na hin illee
….itti fufa DabalaHttpsorobest.com


