➡️1. AARIIN MAALI?

⏩ kun ammoo nama kamuu dhibee addaa akka waan qabuu isa hin taasisu. Haata’u malee aariin dhibee kan ta’u, to’annoon ol(osoo nuti hin to’atiin yoo nu to’atedha).

➡️2.MIIDHAAN ISAA MAALI?
A.maatii diiga
B.walitti dhufeenya namoota waliin qabnu laaffisa
C.rakkoo fayyaa fida. Fakkeenyaaf kan akka:
• dhukkuba onnee
• dhukkuba dhiibbaa dhiigaa 
• dhukkuba garaachaa
• dhiphachuu
• hirriba dhabuu
D.ilaalcha namootni nuuf qaban gadi hirdhisa
E.dirree hojii irratti bu’a dhabeessa nu taasisa.
F.ofitti amanamummaa keenya gadi buusa

➡️3.AKKAMIIN TO’ACHUU DANDEENYA?
A.Osoo gara tarkaanfii kamiittuu hin deemiin gaaffii armaan gadii of gaafadhu
• Maaltu na aarsaa jira?
• Waan kun waan nama aarsudhaa?
• Aariin kun fala rakkoo kanaa ta’uu danda’aa?
• Aarii kanarraa maalan fayyadama?
• Aariin kun miidhaa narraan gahaa?
• Akkamiin furmaata itti kennuun danda’a?
B.Daqiiqaa muraasaaf gocha ykn nama si aarse sana biraa adeemi
C.Lakkofsa 1 hanga 20 tti lakkaa’i.. AARIIN MAALI?
D.Hafuura dadhabbii baafadhu(deep breath)
E.Ofitti dubbadhu”waa’ee waan kanaa itti yaaduun qaba” ofiin jedhi.
F.Hiriyyoota kee ykn namoota naannoo sana jiran waliin mari’adhu.. AARIIN MAALI?
G.Bakka ija badee,ija balleessuun Addunyaa keenya jaamaa akka taasisu hubadhu.

⏩Kanaafuu dhiifama gochuun nama hubataa si taasisuu isaa beek


https://t.me/mhaagj

VAT and Sales Tax for E-Commerce Businesses in Africa: A Comprehensive GuideOrobest.com

Daminaa.org

Scroll to Top