๐ฃ๐ผ๐ผ๐น๐ถ๐๐ถ๐ถ๐ป ๐๐’๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ๐ป๐ถ๐ถ ๐๐ฑ๐ฑ๐๐ป๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ฅ๐ฎ๐ด๐ฎ๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ ๐ก๐ฎ๐บ๐ผ๐ผ๐๐ฎ 15 ๐๐๐ฑ๐ต๐ฎ๐ฐ๐ต๐๐ ๐ ๐ฎ๐ป๐ฎ ๐ ๐๐ฟ๐๐ถ๐ถ๐๐ถ๐ถ๐ณ ๐๐ฏ๐๐ฒ
๐๐ฏ๐๐ธ๐ฎ๐ฎ๐๐ผ๐ผ๐ป ๐๐ป๐ฑ๐’๐ฎ๐ฎ๐น๐ฒ๐บ ๐๐ผ๐ผ ๐ ๐ฎ๐ฎ๐น ๐ท๐ฒ๐ฐ๐ต๐๐๐ป ๐๐ฎ๐น๐บ๐ฒ?
Qananii Addunyaa modeela akkasumas miidiyaa hawaasummaa gubbaa uffata aada Oromoon miidhaguun beekamti.
Dhimma du’a shamarree Qananii Addunyaa ilaalaa kan jiru Mana Murtii Federaalaa Jalaqabaa Ramaddii Araadaatti dhaddachi beellama yeroo 1ffaa ganaama har’aa galmee ilaaleera.
Kutaan dhaddachaa galmichi keessatti ilaalames Abbaan Seeraa dhadachatti osoo hin bahiin dura ture maatii fi hiriyoota miidhamtuu fi weellisichaa akkasumas miidiyaalee fi hirmaattota biroon kan guutame ture.
Du’a shamarree Qananii Addunyaatiin kan shakkame kaadhimaanshee weellisaa Andu’aalam Gosaa, abukaatoosaa waliin mana murtiitti dhiyaateera.
Dhimmicha qorachaa kan jiru poolisiin Finfinnee, hojiilee guyyoota beellamaa darban keessatti hojjete Abbaa Seeraatiif kan ibse yemmuu ta’u, yeroo beellamaa kennameef keessatti jecha ragaalee namootaa 15 dabalataan walitti qabuu himeera.
Waliigalattis lakkoofsi ragaalee namootaa jecha irraa fuudhee 28 ta’uu poolisiin mana murtii beeksiseera.
Gama biraatiin ammoo, dhaabbilee fayyaa miidhamtuun kana dura itti yaalamaa turtee ragaalee sanadaa walitti qabuu himuudhaan, ragaalee kunneen irratti jecha xinxalaa ogeeyyii fayyaa walitti qabuuf akkasumas ragaalee sanadaa fi kan namootaa biroo walitti qabuuf guyyoonni beellamaa dabalataa akka kennamuuf gaafateera.
Kana malees, bu’aan qorannoo afaa lafaa akkasumas bilbila miidhamtuu fi shakkamaa irratti taasifamu waan hin qaqqabneef bu’aa qorannoo kunneennii hanga argatutti guyyoonni dabalataa akka kennamaniif gaafateera.
Abukaatoon yaada poolisii mormeera
Abukaatoon weellisaa Andu’aalam Gosaa, poolisiin sababoota kana dura beellama yeroo itti gaafateef ammallee guyyoota dabalataa gaafachaa jira jechuun iyyatan.
Kana malees, qorannoon reeffaa taasifame “miidhamtuun osoo lubbuun jirtuu gamoorraa kuftee du’uushee agarsiisa malee ajjeefamtee gamoorraa darbatamuu ishee wanti agarsiisu hin jiru” jechuun sababni maamilli isaanii hidhaa taa’ee itti qoratamu akka hin jirre dubbatan.
Barreeffamni yaadannoo guyyuu (diary) miidhamtuun barreessite argamuu kan himan abukaatoon weellisaa Andu’aalam, miidhamtuun “lubbuushee balleessuuf akka jettu ergaa maatii, weellisichaaf akkasumas hiriyootasheef barreessiteen himteerti” jedhan.
Dabalataan, maamilli isaanii mirgi wabii eegameefii yoo bahe ragaalee dhaabbilee akka poolisii Federaalaa fi Tajaajila Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa jiran balleessuuf dandeettii waan hin qabneef mirgi wabii akka eegamuuf gaafataniiru.
Gama biraatiin, namootaa fi miidiyaalee oduu sobaa tamsaasan jedhan kan komatan abukaatoon shakkamaa, qaamoleen kunneen wanta dhaddacharratti hin dubbatamne gabaasaniiru jedhan. Kunis odeeffannoo weellisichi mirgi wabii eegamee fi konsartii muuuziqaa yaa dhiyeessu jedhu akka ta’e himaniiru.
Manni murtichaas odeeffannoon kun falmii dhaddachaarratti kan hin dubbatamne ta’uu akka mirkaneessuuf gaafataniiru.
Manni murtichaa gama isaatiin, miidiyaaleen falmii bitaa fi mirgaa bifa madaalawaa ta’een gabaasuun alatti odeeffannoowwan sobaa fi madaalawaa hin taane tamsaasuurraa akka of-qusatan akeekkachiiseera.
Dhumarrattis, manni murtii gaafii beellama yeroo poolisiin gaafatee fi falmii abukaatoo qorachuun ajaja kennuuf Kibxata boru, Bitootessa 30, 2017’tti beellama qabateera.
๐๐ฏ๐๐ธ๐ฎ๐ฎ๐๐ผ๐ผ๐ป ๐๐ป๐ฑ๐’๐ฎ๐ฎ๐น๐ฒ๐บ ๐ค๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ๐ป๐ถ๐ถ๐ป ๐ฌ๐ฒ๐ฟ๐ผ๐ผ ๐๐ฒ๐ฑ๐ฑ๐๐ ๐ข๐ณ ๐ฎ๐ท๐ท๐ฒ๐ฒ๐๐๐๐ณ ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐น๐๐ ๐๐๐ต๐ฒ๐ฒ ๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ป๐ผ๐ผ ๐๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐ฒ๐ฒ๐๐ถ๐๐ฒ ๐๐ฟ๐ฟ๐ฎ ๐๐๐ฏ๐ฎ๐ฑ๐ต๐ฒ๐ฒ๐ฟ๐ฎ ๐๐ฒ๐ฐ๐ต๐๐๐ป ๐๐ฎ๐น๐บ๐ฒ.
Duโa jaalallee isaa shamarree Qananii Addunyaan shakkamee toโannoo seeraa jala kan jiru Artist Anduโaalam Gosaa harโa yeroo sadaffaaf mana murtii dhiyaate. Poolisiin guyyoota qorannoo dabalataa kanaan dura kennameef keessatti ragaa namoota dabalataa 15 walitti qabuu ibseera.

๐๐’๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ป๐ฎ๐ฎ๐ป๐ถ๐ถ ๐๐ฑ๐ฑ๐๐ป๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐๐๐ถ

