๐€๐ค๐ค๐š ๐ฌ๐ž๐ž๐ซ๐š ๐ก๐š๐ซ๐ข๐ข๐ซ๐จ๐จ ๐ก๐š๐ฐ๐š๐š๐ฌ๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐š 2472 ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ญ๐ฎ๐ฆ๐š๐ฆ๐ž๐ž ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ๐ญ๐ข ๐ฐ๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐š๐ฅ๐ญ๐ž๐ž๐ง ๐ฅ๐ข๐ช๐ข๐ข ๐ฆ๐š๐š๐ฅ๐š๐ช๐š๐š ๐ช๐š๐ซ๐ฌ๐ก๐ข๐ข ๐๐ก๐ข๐›๐›๐š ๐ฌ๐ก๐š๐ง๐ข๐ข ๐จ๐ฅ๐ข๐ข ๐ซ๐š๐ ๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐Ÿ๐š๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐ฆ๐ข๐ซ๐ค๐š๐ง๐š๐š’๐š ๐ค๐š๐ง ๐ฃ๐ž๐๐ก๐ฎ, ๐ซ๐š๐ ๐š๐š๐ง ๐›๐š๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐Ÿ๐š๐ฆ๐š๐š ๐ซ๐š๐ ๐š๐š ๐€๐ค๐ค๐š๐ฆ๐ข?

โ‡๏ธSeera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti jiraachuun waliigaltee liqii maalaqaa qarshii dhibba shanii olii kan mirkanaaโ€™u ragaa barreefamaa. gaafa dhagaha duraa himatamaan yoo amanee fi jecha kakuu himatamaan kennu qofan kan mirkanaaโ€™u tahuu isaa tumamee jira.

โ‡๏ธSeera hariiroo hawaasaa keewwata 2472 jalatti waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii olii ragaa barreefamaatiin mirkanaaโ€™a jechuun tumamee malee waliigaltichi mataan isaa barreemaan tahu akka qabu kan tumamee jiru waan hin tahiniif ragaa barreefamaatin mirkanaaโ€™a kan jedhu kun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumamee kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaaniin mirkanaaโ€™a jechuudha moo ragaa barreefamaa isa kami kan jedhu adda baasuun barbaachisaadha.

โ‡๏ธSeera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 jalatti seeraan yoo haala addaatiin formiin addaa waliigalteen itti raawwatamuu qabu tumamee jiraate malee gareewwaan waliigaltee akkaataa barbaadaniin waliigaltee isaanii raawwachuu akka dandaโ€™an tumamee jira.

โ‡๏ธWaliigaltee liqii maalaqaa ilaalchisee seeraan kan tumamee jiru waliigalteen liqii maalaqa qarshii dhibba shanii ol ragaa barreefamaatin mirkanaaโ€™a kan jedhu malee foormiin addatti waliigaltee liqii maalaqaa raawwachuuf yokiin waliigaltichi barreefamaan akka taโ€™uuf seeraan dirqisiisaa taโ€™e tumame kan hin jirree fi ragaa barreefamaatiin mirkanaaโ€™a jechuun ragaa barreefamaa formaalitin isaa waliigaltee barreefaman tahu qabuf seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727 hanga 1730 jalatti tumame kan gareewwaan waliigaltee fi ragoonnis irratti mallatessaan qofaatu akka ragaa barreefamaati ilaalama jechuu akka hin taane hubatamuu qaba jechuudha.

โ‡๏ธSababni isaatiis waliigalteen liqii maalaqaa barreefamaan tahu akka qabu seeraan kan tumamee hin jirre waan taheef yoo ragaa barreefamaa haala sanaan barraa’een qofa mirkanaa’a kan jannu tahe waliigalteen liqii maalaqaa barreefamaan akka tahu qabu akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1719 fi 1720 ttiin tumamuu qaba jechuudha.

โ‡๏ธFakkeenyaaf dhaddachi ijibaataa galmee lakkoofsa 221476 taโ€™e irratti formiin xalayaa baankii maalaqni ittin ergame waliigalteen liqii jiraachuu isaa mirkaneessuuf ragaa gaha tahuu hin dandaโ€™u jechuun kan murteessee fi kanaan dura dhaddachi ijibaataa galmee lakkoofsa 31737 taโ€™e irratti formiin waraqaa ragaa mana baankii maalaqni itti daddabarfame waliigaltee liqii jiraachuu mirkaneessuuf akka ragaa gahaati fudhatamu akka dandaโ€™u kan murteessee turee fi murtii kana booda galmee lakkoosa 221476 taโ€™e irratti immoo foormiin waraqaa mana baankii maalaqni ergamuu isaa malee sababa maalaqni itti ergameef ibsuu waan hin dandeenyeef waliigaltee liqii maalaqaa mirkaneessuuf ragaa gaha miti jechuun kan murteessee dha malee dhaddachi ijibaataa formiin waraqaa ragaa mana baankii waliigaltee liqii maalaqa mirkaneessuuf akka ragaa fudhatama hin qabnee tokkoti kan murteessee miti jechuudha.

โ‡๏ธBuโ€™uruma kanaan waliigalteen liqii ragaa barreefamaatin mirkanaaโ€™a kan jedhu ragoonni barreefamaa kun kanneen akka sanada wal amantaa yokiin sanadoota barreeffamaa liqeeffataan idaa amanuu agarsiisu taโ€™uu dandaโ€™a, sanada maallaqa baankiin ergamuu agarsiisu fi liqicha akka deebisuuf beeksisoota liqeeffataan qaqqabsiise illee yoo jiraate waliin walitti qabamee ilaalamuu dandaโ€™a yokiin madaalamuu danda’a jechuudha.

Scroll to Top